Skip to content

«Hojiin kamuu niyaadhaani, nama kamiifuu waanuma inni niyyatetu isaaf jira

Amiira Mu'umintootaa Abuu Hafsi Umar ibnu Al-Khaxxaab irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:

«Hojiin kamuu niyaadhaani, nama kamiifuu waanuma inni niyyatetu isaaf jira, namni godaanisi isaa gara Rabbii fi ergamaa isaatti ta’e, godaansi isaa gara Rabbii fi ergamaadhuma isaatti ta'a, namni godaansi isaa immoo duuniyaa argatuuf yookaan dubartii fuudhuuf ta’e immoo, godaansi isaa garuma itti godaane sanatti ta'a».

«إنَّمَا الأَعْمَالُ بِالنِّيَّاتِ، وَإِنَّمَا لِكُلِّ امْرِئٍ مَا نَوَى، فَمَنْ كَانَتْ هِجْرَتُهُ إلَى اللَّهِ وَرَسُولِهِ فَهِجْرَتُهُ إلَى اللَّهِ وَرَسُولِهِ، وَمَنْ كَانَتْ هِجْرَتُهُ لِدُنْيَا يُصِيبُهَا أَوْ امْرَأَةٍ يَنْكِحُهَا فَهِجْرَتُهُ إلَى مَا هَاجَرَ إلَيْهِ».

Imaamman ogeeyyii hadiisaa lamaan: Abuu Abdullaah Muhammad bin Ismaa'iil bin Ibraahiim bin Al-Mughiiraa bin Bardizbah Al-Bukhaariifii Abuu Al-Huseyn Muslim bin Al-Hajjaaj bin Muslim Al-Qusheyrii Anneysaabuuriitu Sahiiha isaanii lamaan kan irra sirrii kitaabota qophaa'anii tahan keessatti gabaasani
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin hunduu madaalli isaa niyyaadhaan akka ta'e ibsani, murtoon kun gabbartiis ta'ee walitti dhufeenya nama waliin taasifnuu fi hojii hunda keessatti murtoo walii galaati, namni hojii isaatiin bu'aa wohii fedhe bu'attii sana malee hin argatu, mindaanis isaaaf hin jiru, namni hojii isaatiin Rabbitti dhihaachuu fedhe hojii isaa irraa mindaa fi gatii argata osoma hojii Aadeeffatamaa, akka nyaataa fi dhugaatii ta'eellee. Eegasii haala alatti muldhatuun walfakkaachuu waliin dhiibbaa niyyaan hojii irratti qabu ibsuuf jecha fakkeenya fudhatani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni godaansa isaatii fi biyya isaa gadhiisuudhaan jaalala Rabbii isaa fedhe, godaansi isaa godaansa shari'aa qeebalamtuudhaa sababaa niyyaan isaa dhugoomteef mindaa irratti ni argataa fi namni immoo godaansa isaatiin qabeenya irraa, yookaan kabajaa irraa, yookaan daldala irraa, yookaan haadha manaaa irraa haa ta'u bu'aa duuniyaa fedhe godaansa isaa sana irraa bu'attii isii niyyatee sana malee homaa hin argatu, gatii fi mindaa irra qooda homaatuu hin qabuudha ibsan.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Iklaasatti kakaasuudha, Rabbiin hojii irraa waan fuulli Isaa ittiin barbaadame malee hin qeebalu waan ta'eef jecha.

Namni dirqamni isa irra ka'ame hojiiwwan gama Rabbiitti ittiin dhihaatan akka Aadaatti yoo hojjate isii irratti mindaan isaaf hin jiru, hanga isiidhaan Rabbitti dhihaachuu fedhutti.

Niyyaadhaan ibaadaan aadaa irraa adda ba'a, akkasumas ibaadaan gariinis garii irraa niyyaadhaan adda ba'a.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (9/ 22) (6953).

(1/ 6) (1).

Sahiiha Muslim (3/ 1515) (1907).

Dabalata (8)

التحفة الربانية في شرح الأربعين حديثًا النووية (ص5).

شرح الأربعين النووية.

لابن عثيمين (ص5).

فتح القوي المتين في شرح الأربعين وتتمة الخمسين.

للعباد (ص8).

شرح النووي على مسلم (13/ 54).

تاج العروس من جواهر القاموس.

للزبيدي (7/ 196).