«Yaa Rabbi amantii koo isa eegumsa kiyyaaf ta'e naaf tolchi
Abuu Hureyraa irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Yaa Rabbi amantii koo isa eegumsa kiyyaaf ta'e naaf tolchi, Addunyaa koo kan jireenyi koo keessatti ta'us naaf fooyyessi, Aakhiraa koo kan deebiin koo isa keessatti ta'us naaf tolchi, Jireenya koo kan waan gaarii hundumaa irraa keessatti dabaladhu naaf taasisi, Du'aas kan hamtuu hunda irraa itti boqadhu naaf taasisi».
«اللهُمَّ أَصْلِحْ لِي دِينِي الَّذِي هُوَ عِصْمَةُ أَمْرِي، وَأَصْلِحْ لِي دُنْيَايَ الَّتِي فِيهَا مَعَاشِي، وَأَصْلِحْ لِي آخِرَتِي الَّتِي فِيهَا مَعَادِي، وَاجْعَلِ الْحَيَاةَ زِيَادَةً لِي فِي كُلِّ خَيْرٍ، وَاجْعَلِ الْمَوْتَ رَاحَةً لِي مِنْ كُلِّ شَرٍّ».
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- du'aa'ii isa keessatti hundeelee naamusa gaggaarii kan isaan ishee guutuf ergaman walitti qabaniin kadhatan, innis tolina Amantii, tolina addunyaa fi aakhiraati, Jecha gabaabaa kana keessatti tolina wantoota sadan walitti qaboo ta'anii kana dubbatanii, Tolina amantiitin eegalan, tolinni jiruu ganda lameenii isaan argama waan ta'eef, akkana jedhan: (Yaa Rabbi amantii koo naaf tolchi) Naamusa isaa haala hunda caalaa fi guutuu ta’een akkan raawwadhu na waffaquun jechuu dha. (Isa inni eegumsa dhimma kiyyaa ta'e) akkasumas Dhimma koo hundaaf eegduu kan ta'e, yoo amantiin koo bade dhimmoonni koo ni badan, anis kisaaraa keessa gala, itti aansee tolinni amantii barbaadamaan tolina addunyaatin malee waan hin guutamneef akkana jedhan: (Addunyaa koos naaf tolchi) Fayyaa qaamaa, nageenya, jireenya, haadha manaa gaarii, maatii gaarii fi waan na barbaachisu kan halaala ta'ee ibaadaa keetirratti na gargaaru naaf kennuun, Ergasii isa kadhachuu keessatti sababaa dubbachuun, akkas jedhan: (Ishee jireenya koo ishee keessatti ta'u), akkasumas bakki jireenya koo fi yeroon jireenya kootii kan ishee keessatti ta'u. (Aakhiraa koo kan itti deebi'uuf taa'u naaf tolchi) akkasumas deebii koo kan gara qunnamtii keetitti ta'uuf taa'us naaf tolchi, kun ammoo tolina dalagaa fi Rabbiin gabricha ikhlaasan isa gabbaruuf isa waffaqee khaatimaan toluun mirkanaa'a. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- eega addunyaa dubbatanii Aakhiraa dubbatan; sababni isaas inni jalqabaa mala isa lammaffaa sirreessuu waan ta’eef jecha, Namni akkaataa Rabbiin barbaadutti addunyaan isaaf sirroofte aakhiraan isaas isaaf sirrooftee itti milkaa'a. (Jireenya taasisi) akkasumas dheerina umrii, (dabalata kheyrii hundaa) kanan hojii gaggaarii itti baay'ifadhu naaf taasisi, (Du'aas naaf taasisi) Saffisiisa isas (badii hundarraa boqonnaa) akkasumas Qormaata, rakkina, dilii fi dagannoon mokkoramuu irraas, akkasumas rakkina addunyaa fi dhiphina ishee irraa bilisa ta'ee kan boqonnaan naaf argamu naaf taasisi.
Amantiin wanta hunda caalaa barbaachisaa dha; Kanaafi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- du'aa'ii keessatti isaan eegalan.
Amantiin nama tokkoof eegumsa badii hunda irraa isa dhoorga.
Tolina Jiruu addunyaa fi Aakiraatif jecha dhimmoota addunyaa kadhachuun barbaachisaa dha.
Amantii keessatti fitnaa sodaachuuf jecha du’a hawwuun, ykn shahiidummaa irratti akka du’u Rabbiin kadhachuun hin jibbamuudha.
Sahiiha Muslim (4/ 2087) (2720).
Dabalata (8)
توضيح الأحكام من بلوغ المرام.
لعبد الله البسام (7/ 581).
منحة العلام في شرح بلوغ المرام.
لعبد الله الفوزان (10/ 471).
فتح ذي الجلال والإكرام بشرح بلوغ المرام.
لابن عثيمين (6/ 512).
سبل السلام بشرح بلوغ المرام.
لمحمد الصنعاني (2/ 715).
Cited in books
11 BooksDabalata (11)
- أدعية جامعةاللَّهمَّ أَصْلِحْ لِي دِينِي اَلَّذِي هُوَ عِصْمَةُ أَمْرِي، وَأَصْلِحْ لِي دُنْيَايَ اَلَّتِي فِيهَا مَعَاشِي، وَأَصْلِحْ لِي آخِرَتِي اَلَّتِي إِلَيْهَا مَعَادِي، وَاجْعَلِ اَلْحَيَاةَ زِيَادَةً لِي فِي كُلِّ خَيْرٍ، وَاجْعَلِ اَلْمَوْتَ
- أدعية جامعةأدعية جامعة (للحرمين)8. «اللَّهُمَّ أَصْلِحْ لِي دِينِي الَّذِي هُوَ عِصْمَةُ أَمْرِي، وَأَصْلِحْ لِي دُنْيَايَ الَّتِي فِيهَا مَعَاشِي، وَأَصْلِحْ لِي آخِرَتِي الَّتِي إِلَيْهَا مَعَادِي، وَاجْعَلِ الْحَيَاةَ زِيَادَةً لِي فِي كُلِّ خَيْرٍ، وَاجْعَلِ الْمَوْت
- التحقيق والإيضاح لكثير من مسائل الحج والعمرة والزيارة على ضوء الكتاب والسنةالتحقيق والإيضاح لكثير من مسائل الحج والعمرة والزيارة - النسخة المعتمدة* اللَّهُمَّ أَصْلِحْ لِي دِينِيَ الَّذِي هُوَ عِصْمَةُ أَمْرِي، وَأَصْلِحْ لِي دُنْيَايَ الَّتِي فِيهَا مَعَاشِي، وَأَصْلِحْ لِي آخِرَتِيَ الَّتِي فِيهَا مَعَادِي، وَاجْعَلِ الحَيَاةَ زِيَادَةً لِي فِي كُلِّ خَيْرٍ، وَالمَوْتَ رَاحَةً لِي
- الدعاء من الكتاب والسنة الدعاء ويليه العلاج بالرقى من الكتاب والسنة (للوزارة)58- ((اللَّهُمَّ أَصْلِحْ لِي دِينِي الَّذِي هُوَ عِصْمَةُ أَمْرِي، وَأَصْلِحْ لِي دُنْيَايَ الَّتِي فِيهَا مَعَاشِي، وَأَصْلِحْ لِي آخِرَتِي الَّتِي فِيهَا مَعَادِي، وَاجْعَلِ الْحَيَاةَ زِيَادَةً لِي فِي كُلِّ خَيْرٍ، وَاجْعَلِ الْمَوْتَ
- الدعاء ويليه العلاج بالرقى من الكتاب والسنةالدعاء من الكتاب والسنة58- ((اللَّهُمَّ أَصْلِحْ لِي دِينِي الَّذِي هُوَ عِصْمَةُ أَمْرِي، وَأَصْلِحْ لِي دُنْيَايَ الَّتِي فِيهَا مَعَاشِي، وَأَصْلِحْ لِي آخِرَتِي الَّتِي فِيهَا مَعَادِي، وَاجْعَلِ الْحَيَاةَ زِيَادَةً لِي فِي كُلِّ خَيْرٍ، وَاجْعَلِ الْمَوْتَ
- الذكر والدعاء والعلاج بالرقي من الكتاب والسنة"اللهم أصلح لي ديني الذي هو عصمة أمري، وأصلح لي دنياي التي فيها معاشي، وأصلح لي آخرتي التي فيها معادي، واجعل الحياة زيادة لي في كل خير، واجعل الموت راحة لي من كل شر" .
- المختصر في آداب السفر وصفة الحج والعمرة وآداب الزيارة والأدعية الجامعة مع ملحق بالفتاوى والمخالفات4- أدعية جامعة (للحرمين)«اللَّهُمَّ أَصْلِحْ لِي دِينِي الَّذِي هُوَ عِصْمَةُ أَمْرِي، وَأَصْلِحْ لِي دُنْيَايَ الَّتِي فِيهَا مَعَاشِي، وَأَصْلِحْ لِي آخِرَتِي الَّتِي إِلَيْهَا مَعَادِي، وَاجْعَلِ الْحَيَاةَ زِيَادَةً لِي فِي كُلِّ خَيْرٍ، وَاجْعَلِ الْمَوْتَ ر
- الوسائل المفيدة للحياة السعيدة«اللَّهُمَّ أَصْلِحْ لِي دِينِيَ الَّذِي هُوَ عِصْمَةُ أَمْرِي وَأَصْلِحْ لِي دُنْيَايَ الَّتِي فِيهَا مَعَاشِي، وَأَصْلِحْ لِي آخِرَتِيَ الَّتِي إِلَيْهَا مَعَادِي، وَاجْعَلِ الْحَيَاةَ زِيَادَةً لِي فِي كُلِّ خَيْرٍ، وَالْمَوْتَ رَاحَةً ل
- تحفة الأخيار تحفة الأخيار (ببيان جملة نافعة مما ورد في الكتاب والسنة من الأدعية والأذكار)«اللهُمَّ أَصْلِحْ لِي دِينِي الَّذِي هُوَ عِصْمَةُ أَمْرِي، وَأَصْلِحْ لِي دُنْيَايَ الَّتِي فِيهَا مَعَاشِي، وَأَصْلِحْ لِي آخِرَتِي الَّتِي فِيهَا مَعَادِي، وَاجْعَلِ الْحَيَاةَ زِيَادَةً لِي فِي كُلِّ خَيْرٍ، وَاجْعَلِ الْمَوْتَ رَاحَةً
- تطبيق القرآن والأذكارأدعية النبي صلى الله عليه وسلم 58- ((اللَّهُمَّ أَصْلِحْ لِي دِينِي الَّذِي هُوَ عِصْمَةُ أَمْرِي، وَأَصْلِحْ لِي دُنْيَايَ الَّتِي فِيهَا مَعَاشِي، وَأَصْلِحْ لِي آخِرَتِي الَّتِي فِيهَا مَعَادِي، وَاجْعَلِ الْحَيَاةَ زِيَادَةً لِي فِي كُلِّ خَيْرٍ، وَاجْعَلِ الْمَوْتَ
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 7«اللهم أصْلحْ لي دِيني الذي هُوَ عصْمَةُ أمْري، وأصْلحْ لي دُنيايَ التي فيهَا مَعَاشي، وأصْلِحْ لي آخرَتي التي فيها مَعَادِي، واجْعلِ الحياةَ زيادةً لي في كلِّ خيرٍ، واجْعلِ المَوْتَ راحةً لي من كلِّ شرٍّ».