Skip to content

Yaa Ilmaan namaa! Rabbiin ba’aa wallaalummaa fi abbaa ofiitin of tuuluu isin irraa buqqiseera

Ibnu Umar irraa odeeffame Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu:

Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- guyyaa injifannoo Makkaa ummata gorsanii akkas jedhan: "Yaa Ilmaan namaa! Rabbiin ba’aa wallaalummaa fi abbaa ofiitin of tuuluu isin irraa buqqiseera. Namoonni bakka lamatti qoodamu: Nama Qajeelaa Rabbiin sodaatu kan Rabbiin biratti kabaja qabuudha, kaan ammoo Nama gadhee jallaa Rabbiin biratti xiqqaataadha. Namoonni ilmaan Aadami, Aadam ammoo Rabbiitu biyyee irraa isa uume, Rabbiin akkas jedhe: {Yaa Ilmaan namaa! Nuti dhiiraa fi dubartii irraa isin uumne, akka isin wal beektaniif jecha sabootaa fi gosoota isin taasifne, Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan irra Rabbiin sodaataa keessani, Rabbiin beekaa keessaa hubataadha} [Al-Hujuraati: 13].

أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ خَطَبَ النَّاسَ يَوْمَ فَتْحِ مَكَّةَ، فَقَالَ: «يَا أَيُّهَا النَّاسُ، إِنَّ اللهَ قَدْ أَذْهَبَ عَنْكُمْ عُبِّيَّةَ الْجَاهِلِيَّةِ وَتَعَاظُمَهَا بِآبَائِهَا، فَالنَّاسُ رَجُلَانِ: بَرٌّ تَقِيٌّ كَرِيمٌ عَلَى اللهِ، وَفَاجِرٌ شَقِيٌّ هَيِّنٌ عَلَى اللهِ، وَالنَّاسُ بَنُو آدَمَ، وَخَلَقَ اللهُ آدَمَ مِنْ تُرَابٍ، قَالَ اللهُ: {يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنَّا خَلَقْنَاكُمْ مِنْ ذَكَرٍ وَأُنْثَى وَجَعَلْنَاكُمْ شُعُوبًا وَقَبَائِلَ لِتَعَارَفُوا إِنَّ أَكْرَمَكُمْ عِنْدَ اللهِ أَتْقَاكُمْ إِنَّ اللهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌ} [الحجرات: 13]».

Tirmizii fi Ibnu Hibbaantu gabaasani
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- guyyaa injifannoo Makkaa ummata gorsanii akkana jedhan: Yaa ilmaan namaa! Rabbiin dhugumatti boona fi of tuulummaa bara awaamummaa fi abbootin of dhaaduu isin irraa buqqiseera, namoonni gosa lama qabu: Nama Mu'umina qajeelaa Rabbiin sodaatu kan Rabbiin gabbaru, inni kun Rabbii guddaan biratti nama kabajamaadha, osoo namoota gidduutti nama sadarkaa qabu ykn hidda dhaloota kabajamaa qabu hin ta'inillee. Yookiin immoo kaafira safuu hin qabne kan jallaa ta'eedha, inni kun ammoo Rabbiin duratti xiqqaataa gadi galoo, sadarkaa hin qabneedha, osoo nama sadarkaa, kabajaa fi aangoo qabullee ta'ee. Namoonni hundinuu Ilmaan Aadam yoo ta’an, Rabbiin ammoo Aadamiin biyyee irraa uume, Namni ka’umsi isaa biyyee irraa ta’e of tuuluun of dinqisiifachuun sirrii miti. Ragaan dubbii kanaa jecha Rabbii guddaati: {Yaa Ilmaan namaa! dhiiraa fi dubartii irraa isin uumne, akka isin wal beektaniif jecha sabootaa fi gosoota isin goone, Dhugumatti Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan irra Rabbiin sodaataa keessani. Rabbiin Beekaa keessa hubataadha} [Al-Hujuraat: 13].

Hiika jechchootaa

عُبية: الكبر، وتضم عينها وتُكسر.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Hidda dhalootaa fi sadarkaa irra jiraniin of jajuun dhorgaa ta'uudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Tarmizii (5/ 309) (3270).

Sahiiha Ibnu Hibbaan (9/ 137) (3828).

Dabalata (2)

عون المعبود وحاشية ابن القيم (14/ 16).

النهاية في غريب الحديث والأثر (ص587).