''Manneen keessan qabrii hin taasisinaa, akkasuma qabrii koos iida hin taasifatinaa (kan itti deddeebi'amee ayyaaneffatamu), salawaata narratti buusaa; salawaanni keessan bakkuma jirtanu irraa na qaqqabaa''.
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
''Manneen keessan qabrii hin taasisinaa, akkasuma qabrii koos iida hin taasifatinaa (kan itti deddeebi'amee ayyaaneffatamu), salawaata narratti buusaa; salawaanni keessan bakkuma jirtanu irraa na qaqqabaa''.
«لَا تَجْعَلُوا بُيُوتَكُمْ قُبُورًا، وَلَا تَجْعَلُوا قَبْرِي عِيدًا، وَصَلُّوا عَلَيَّ؛ فَإِنَّ صَلَاتَكُمْ تَبْلُغُنِي حَيْثُ كُنْتُمْ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- manneen akka qabrii isii keessatti hin salaatamneetti salaata irraa ona taasisuu irraa dhoorgan. Akkasuma qabrii isaanii deddeebi'anii ziyaaruu fi isa biratti akkaataa baratamaa ta'een wolitti qabamuu irraa dhoorganiiru; waan sun karaa shirkiitti nama geessu ta'eef jecha. Akkasuma dachii keessatti iddoo kamittuu rahmataa fi nageenya isaan irratti buusuutti ajajan, dhugumatti sun dhihoos ta'ee fagoo irraa battaluma tokkotti waan isaan qaqqabuufi, kanaafuu qabrii isaanitti deddeebi'uuf dhimmi hin jiru.
ولا تجعلوا قبري عيدًا: العيد: ما يعتاد مجيئه وقصده من زمان ومكان، أي: لا تتخذوا قبري محل اجتماعٍ تترددون إليه وتعتادونه للصلاة والدعاء وغير ذلك.
Manneen ibaadaa Rabbii ol ta'ee irraa onsuu irraa dhoorguudha.
Qabrii Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ziyaaruuf imaluu irraa dhoorguudha; waan isaan salawaata isaan irratti buusuu ajajanii, sun akka isaan qaqqabus himaniif jecha, galaan kan hidhatamuuf masjiida ziyaaruu fi isa keessatti salaatuu qofaafi.
Ziyaaraa qabrii Nabiyyichaa -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irrattu haa buusu- iida taasifachuun haraama ta'uudha, Haala addaa ta'eefi yeroo addatti qabame keessatti ziyaaraa isaa irra deddeebi'uun, akkasuma ziyaaraa qabrii hundaayyuu.
Yeroo hundaa fi iddoo hundatti rahmataa fi nageenya isaan irratti buusuu karaa gochuun, Karaamaa Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irrattu haa buusu- Rabbii isaanii birratti qaban agarsiisa.
Qabrii biratti salaatuu irraa dhoorguun sahaabota biratti waan beeekamaa ta'eef; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- manneen akka qabrii keessatti hin salaatamnee taasifamuu irraa dhoorgan.
Sunana Abbaa Daawuud (3/ 385) (2042).
Dabalata (4)
الجديد في شرح كتاب التوحيد.
لمحمد القرعاوي (ص202).
الملخص في شرح كتاب التوحيد.
لصالح الفوزان (ص185).
Cited in books
7 BooksDabalata (7)
- المختصر في آداب السفر وصفة الحج والعمرة وآداب الزيارة والأدعية الجامعة مع ملحق بالفتاوى والمخالفات3- المختصر في آداب زيارة المسجد النبوي وأحكامها (للحرمين)«لَا تَجْعَلُوا بُيُوتَكُمْ قُبُورًا، وَلَا تَجْعَلُوا قَبْرِي عِيدًا، وَصَلُّوا عَلَيَّ، فَإِنَّ صَلَاتَكُمْ تَبْلُغُنِي حَيْثُ كُنْتُمْ» [2].
- المختصر في آداب زيارة المسجد النبوي وأحكامهاالمختصر في آداب زيارة المسجد النبوي وأحكامها (للحرمين)«لَا تَجْعَلُوا بُيُوتَكُمْ قُبُورًا، وَلَا تَجْعَلُوا قَبْرِي عِيدًا، وَصَلُّوا عَلَيَّ، فَإِنَّ صَلَاتَكُمْ تَبْلُغُنِي حَيْثُ كُنْتُمْ» [2].
- حصن المسلم من أذكار الكتاب والسنةحصن المسلم«لَا تَجْعَلُوا قَبْرِي عِيدًا وَصَلُّوا عَلَيَّ؛ فَإِنَّ صَلَاتَكُم تَبْلُغُنِي حَيْثُ كُنْتُمْ»[266].
- رسالة في الأذكار1«لَا تَجْعَلُوا قَبْرِي عِيدًا، وَصَلُّوا عَلَيَّ؛ فَإِنَّ صَلَاتَكُمْ تَبْلُغُنِي حَيْثُ كُنْتُمْ».
- كتاب التوحيدكتاب التوحيد للشيخ محمد بن عبد الوهاب((لاَ تَجْعَلُوا بُيُوتَكُمْ قُبُورًا، وَلاَ تَجْعَلُوا قَبْرِي عِيدًا، وَصَلُّوا عَلَيَّ؛ فَإِنَّ صَلاَتَكُمْ تَبْلُغُنِي حَيْثُ كُنْتُمْ))
- مجموعة زاد العقيده (4)العقيدة 4«لا تَجْعَلُوا بُيُوتَكُمْ قُبُورًا، وَلا تَجْعَلُوا قَبْرِي عِيدًا، وَصَلُّوا عَلَيَّ؛ فَإِنَّ صَلاتَكُمْ تَبْلُغُنِي حَيْثُ كُنْتُمْ».
- موسوعة الإيمان«وَصَلُّوا عَلَيَّ؛ فَإِنَّ صَلَاتَكُمْ تَبْلُغُنِي حَيْثُ كُنْتُمْ».