Islaamummaa keessatti namni tolche waan jaahiliyyummaa keessatti hojjateen hin qabamu, islaamummaa keessatti namni balleesse immoo isa duraa fi isa boodaatiifis ni qabama".
Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Namtichi tokko ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, waan jaahiliyyaa (bara doofummaa ergamuu isaaniitiin duraa) keessatti hojjanneen ni qabamnaa?, isaanis ni jedhan: " Islaamummaa keessatti namni tolche waan jaahiliyyummaa keessatti hojjateen hin qabamu, islaamummaa keessatti namni balleesse immoo isa duraa fi isa boodaatiifis ni qabama".
قَالَ رَجُلٌ: يَا رَسُولَ اللهِ، أَنُؤَاخَذُ بِمَا عَمِلْنَا فِي الْجَاهِلِيَّةِ؟ قَالَ: «مَنْ أَحْسَنَ فِي الْإِسْلَامِ لَمْ يُؤَاخَذْ بِمَا عَمِلَ فِي الْجَاهِلِيَّةِ، وَمَنْ أَسَاءَ فِي الْإِسْلَامِ أُخِذَ بِالْأَوَّلِ وَالْآخِرِ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadarkaa islaamummaatti seenuun qabu ibsani, Dhugumatti namni qulqulluu fi nama dhugaa ta'ee islaamummaan isaa tole; badii irraa waan jaahiliyyaa keessatti (islaamummaatti osoo hin dhufiniin duratti) hojjateef hin herregamu, Namni islaamummaa keessatti balleesse munaafiqa ta'uun yookaan amantaa isaa irraa deebi'uun, waan kufrii fi islaamummaa keessatti hojjateef herregama.
...:
Hojiiwwan jibbamaa jaahiliyyaa keessatti isaan irraa argameef Xiyyeeffannoo kennuu sahaabotaa fi sodaa isaaniiti -jaalalli Rabbiin isaan irra haa jiraatu-.
Islaamummaa irratti gadi dhaabbachuutti kakaasuudha.
Sadarkaa islaamummaatti seenuun qabuudha, inni dhugumatti hojiiwwan darban ni haqa.
Namni islaamummaa irraa garagalee fi munaafiqni, hunda hojii isaa jaahiliyyimmaa keessatti darbeef ni herregama, akkasumas hunda badii islaamummaa keessatti hojjateefis.
Sahiiha Bukhaarii (9/ 14) (6921).
Sahiiha Muslim (1/ 111) (120).
Dabalata (3)
مشارق الأنوار على صحاح الآثار (2/229).
الكواكب الدراري (24/43).
عمدة القاري شرح صحيح البخاري (24/ 76).
Cited in books
2 BooksDabalata (2)
- الأسئلة المختارة من قاموس الأسئلة الشائعة حول الإسلامقسم الإسلام«مَن أحسن في الإسلام لم يؤاخذ بما عمل في الجاهلية، ومن أساء في الإسلام أُخِذَ بالأول والآخِر»
- موسوعة الأسئلة (المجموعة الأولى)«مَنْ أَحْسَنَ فِي الإِسْلَامِ لَمْ يُؤَاخَذْ بِمَا عَمِلَ فِي الْجَاهِلِيَّةِ، وَمَنْ أَسَاءَ فِي الإِسْلَامِ أُخِذَ بِالأَوَّلِ وَالآخِرِ»