Skip to content

"Worri haqaan murteessan (guyyaa qiyaamaa) Rabbiin biratti teessoowwan ifa irraa ta'e irratti, gara mirga Rahmaaniin ta'ani, harki Isaa lameenuu miraga

Abdullaah ilma Amrii irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

"Worri haqaan murteessan (guyyaa qiyaamaa) Rabbiin biratti teessoowwan ifa irraa ta'e irratti, gara mirga Rahmaaniin ta'ani, harki Isaa lameenuu miraga, isaan isaannan murtoo isaanii keessatti, maatiiwwan isaanii fi waan irraatti muudaman irratti haqa eeggatan".

«إِنَّ الْمُقْسِطِينَ عِنْدَ اللهِ عَلَى مَنَابِرَ مِنْ نُورٍ، عَنْ يَمِينِ الرَّحْمَنِ عَزَّ وَجَلَّ، وَكِلْتَا يَدَيْهِ يَمِينٌ، الَّذِينَ يَعْدِلُونَ فِي حُكْمِهِمْ وَأَهْلِيهِمْ وَمَا وَلُوا».

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaannan namoota bulchiinsa isaanii jala jiran, murtoo isaanii jala jiranii fi maatii isaanii gidduutti haqaa fi dhugaan murteessan guyyaa qiyaamaatti kabajaa isaaniif jecha teessoowwan haalaan ol fuudhamoo ifa irraa uumaman irra taa'u jedhanii himan. Teessowwan kun mirga Rahmaanitti argamu, harki Isaa lameenuu -Inni qulqullaa'e- mirgaadha.

Hiika jechchootaa

المقسطين: العادلين.

في حكمهم: في قضائهم.

ما وَلُوا: الذي كانت لهم عليه ولاية.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Sadarkaa haqaan murteessuun qabuu fi isa irratti kakaasuudha.

Haqaan murteessuun bulchiinsa hundaa fi namoota gidduutti murtoo gochuu of keessatti qabata, inumaayyuu haadha manaa, ilmaanii fi kanneen biroo gidduutti haqaan murteessuunis isuma irraayi.

Sadarkaa worri haqaan murteessanu guyyaa qiyaamaatti qaban ibsuudha.

Sadarkaan worra iimaanaa guyyaa qiyaamaatti akka wol dhabaa ta'e agarsiisa, hunduu akkaataa hojii isaatiini.

Mala kajeelchisuutiin barsiisuun maloowwan da'awaa itti geessan keessaa isii nama waamamu rabbiif ajajamuutti kakaastu keessaayi.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (3/ 1458) (1827).

Dabalata (10)

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (1/ 547).

تطريز رياض الصالحين.

لفيصل المبارك (ص428).

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (9/ 314).

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 710).

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (3/ 640).