Skip to content

"Gaa’elli/nikaahni waliyyiin/eegduun malee hin hidhamu".

Abuu Muusaa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan:

"Gaa’elli/nikaahni waliyyiin/eegduun malee hin hidhamu".

«لا نِكَاحَ إِلّا بِوَليٍّ».

Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
Sahiiha
Ibsa

Rasuulli -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaa’elli dubartii takkaa waliyyiin/eegduun malee sirrii akka hin taane ibsan.

Hiika jechchootaa

لا نكاح : لا نكاح صحيح ومعتبر شرعًا.

الوَلِيُّ : هو أقرب الرجال إلى المرأة من عصبتها الذين يرثونها، كالأب والأخ.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Waliyyiin/Eegduun gaa’elli sun seera qabeessa akka ta’uuf haal-duree yoo ta’u, dubartiin takka waliyyiin malee yoo heerumte, yookiin of yoo heerumsiifte seera qabeessa miti jechuu dha.

Waliyyiin/Eegduun dhiira ta'ee, dubartii sanatti dhihoo waan ta’eef, waliyyiin/eegduun fagoo eddoo namni itti dhihoo jirutti ishee heerumsiisuu hin danda’u.

Ulaagaaleen waliyyii: itti gaafatamummaa baachuu danda'uu, dhiira ta'uu, dantaa gaa’elaa beekuu irratti bilchina qabaachuu fi amantiin waliyyii fi dubartii sanaa wal fakkachuu, Namni amaloota kana hin qabne waliigaltee gaa’elaa keessatti akka waliyyiitti ulaagaa hin guutu.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (3/ 427) (2085).

Sunana Tarmizii (2/ 392) (1101).

Sunana Ibnu Maajaa (3/ 79) (1881).

Musnada Ahmad (32/ 280) (19518).

Dabalata (10)

البدرُ التمام شرح بلوغ المرام.

للمَغرِبي (7/ 57).

إرواء الغليل في تخريج أحاديث منار السبيل.

للألباني (6/ 237).

توضِيح الأحكام من بلوغ المَرَام.

للبسام (5/ 262).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (7/ 222).

فتح ذي الجلال والإكرام بشرح بلوغ المرام.

لابن عثيمين (4/ 469).