«Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera
Abuu Ya'alaa Shaddaad ilma Aawsii irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
«Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera, yeroo ajjeeftan ajjeechaa tolchaa, yeroo gorraatanis gorraasuu tolchaa, tokkoon keessan yeroo gorra'u, billaa isaa haa qarfatu, waan gorra'u sanas haa boqachiisu».
«إِنَّ اللهَ كَتَبَ الْإِحْسَانَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ، فَإِذَا قَتَلْتُمْ فَأَحْسِنُوا القِتْلَةَ، وَإِذَا ذَبَحْتُمْ فَأَحْسِنُوا الذِّبْحَةَ، وَلْيُحِدَّ أَحَدُكُمْ شَفْرَتَهُ، وَلْيُرِحْ ذَبِيحَتَهُ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-Rabbiin waan hundaaf tola ooluu nurratti dirqama akka godhe himan, tola ooluun: walitti fufiinsaan, ibaadaa isaa fi toltuu uumamtootaaf gumaachee hamtuu isaan irraa qabuu keessatti Rabbiin ofirratti too'achuudha, sana keessaa gorraasuu fi ajjeesuu keessatti tola ooluudha. Yeroo gumaa baasanitti ajjeechaa keessatti tola ooluun: karaa irra laafaa, irra salphaa fi dhiiga nama ajjeefamuu buusuu keessatti irra ariifachiisaa ta'e filachuudha. Qalma keessatti tola ooluun yeroo gorraasuutti ta'a: meeshaa ittiin gorra'amu qarsuun horiif rahmata ooluni, horiin gorra'amtu osoo isiin ilaaltuu meeshaan ittiin gorra'amu qarfamuu dhabuuni, akkasumas osoo horiin biraa kan ilaaltu bira jirtuu gorra'uu dhabuuni.
Rahmataa fi mararfannaa Rabbiin uumamtootaaf qabuudha.
Ajjeechaa fi gorraasuu tolchuu jechuun akka itti karaa godhameen raawwachuu jechuudha.
Guutina shari'aa fi khayrii hunda walitti qabachuu isaati, sana irraa lubbu qabeeyyiif rahmata gochuu fi jaraaf laphee baachuudha.
Booda waa ajjeesanii qaama isaa kukkutuu irraa dhoorguudha.
Hunda waan lubbu qabeeyyii cinquun isa keessa jiruu haraama taasisuudha.
Sahiiha Muslim (3/ 1548) (1955).
Dabalata (8)
التحفة الربانية في شرح الأربعين حديثا النووية (ص38).
شرح الأربعين النووية.
لابن عثيمين (ص185).
فتح القوي المتين في شرح الأربعين وتتمة الخمسين.
للعباد (ص65).
فتح الباري.
لابن حجر (9/ 644).
شرح النووي على مسلم (13/ 107).
Cited in books
8 BooksDabalata (8)
- الحقيقة المُبْهِرَة في العلاقة بين الإسلام والإنسان(إن الله كتب الإحسان على كل شيء، فإذا قتلتم فأحسنوا القتلة، وإذا ذبحتم فأحسنوا الذبحة، وليحد أحدكم شفرته، وليرح ذبيحته)[152].
- تلخيص كتاب الأضحية والذكاةتلخيص كتاب أحكام الأضحية والذكاة«إِنَّ اللَّهَ كَتَبَ الْإِحْسَانَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ، فَإِذَا قَتَلْتُمْ فَأَحْسِنُوا الْقِتْلَةَ، وَإِذَا ذَبَحْتُمْ فَأَحْسِنُوا الذَّبْحَةَ، وَلْيُحِدَّ أَحَدُكُمْ شَفْرَتَهُ، وَلْيُرِحْ ذَبِيحَتَهُ»
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 3«إنَّ اللهَ كَتَبَ الإحسَانَ عَلىٰ كُلِّ شَيءٍ؛ فإذا قَتَلتُم فَأَحْسِنُوا القِتْلَةَ، وَإذَا ذَبَحْتُمْ فَأَحْسِنُوا الذِّبْحَةَ، وَلْيُحِدَّ أَحَدُكُم شَفْرَتَه، وَلْيُرِحْ ذِبيحَتَهُ».
- سؤال وجواب حول الإسلام«إِنَّ اللَّهَ كَتَبَ الإِحْسَانَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ، فَإِذَا قَتَلْتُمْ فَأَحْسِنُوا القِتْلَةَ، وَإِذَا ذَبَحْتُمْ فَأَحْسِنُوا الذِّبْحَةَ، وَلْيُحِدَّ أَحَدُكُمْ شَفْرَتَهُ، فَلْيُرِحْ ذَبِيحَتَهُ»
- شرح الأربعين النووية«إنَّ اللَّهَ كَتَبَ الْإِحْسَانَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ، فَإِذَا قَتَلْتُمْ فَأَحْسِنُوا الْقِتْلَةَ، وَإِذَا ذَبَحْتُمْ فَأَحْسِنُوا الذِّبْحَةَ، وَلْيُحِدَّ أَحَدُكُمْ شَفْرَتَهُ، وَلْيُرِحْ ذَبِيحَتَهُ».
- لو عرفوك لأحبوك«إِنَّ اللَّهَ كَتَبَ الإِحْسَانَ عَلَى كُلِّ شَيءٍ».
- ما لا يسع أطفال المسلمين جهله«إِنَّ اللَّهَ كَتَبَ الإِحْسَانَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ»[180].
- نبراس طالب (1)1«إِنَّ اللهَ كَتَبَ الْإِحْسَانَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ»