Skip to content

Namni haala homaa Rabbiitti hin qindeessineen du'e jannata seene, namni haala waa tookko Rabbitti qindeessuun du'e immoo ibidda seene".

Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:

Namichi wohii gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa ergamaa Rabbii! raggaasisoon lameen maali? ergamaanis ni jedhani: "Namni haala homaa Rabbiitti hin qindeessineen du'e jannata seene, namni haala waa tookko Rabbitti qindeessuun du'e immoo ibidda seene".

أَتَى النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ رَجُلٌ فَقَالَ: يَا رَسُولَ اللهِ، مَا الْمُوجِبَتَانِ؟ فَقَالَ: «مَنْ مَاتَ لَا يُشْرِكُ بِاللهِ شَيْئًا دَخَلَ الْجَنَّةَ، وَمَنْ مَاتَ يُشْرِكُ بِاللهِ شَيْئًا دَخَلَ النَّارَ»

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Namichi wohii waan lama kan jannata seenuu dirqama taasisanii fi kan ibidda seenuu dirqama taasisan maali jedhee Nabiyyii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafate? Akkas jechuun isaanis -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaaf deebisan: wanti jannata dirqama taasisu ilmi namaa haala Rabbiitti homaa hin qindeessineen Isa qofa osoo gabbaruu du'uudha, Wanti ibidda dirqama taasisu immoo ilmi namaa haala Rabbitti qindeessuun haala inni gabbarummaa isaa keessatti yookaan gooftummaa Isaa keessatti yookaan maqoowwanii fi sifaatowwan Isaa keessatti Isaaf fakkaataa fi hiriyaa taasisuun du'uudha.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Sadarkaa tawhiidni qabuudha, namni haala Rabbitti amanee homaa isatti hin qindeessineen du'e jannata seene.

Hammeenya shirkiin qabuudha, namni waa tokko osoo Rabbitti qindeessuu du'e ibidda seene.

Balleessitoonni worra tawhiidaa fedha Rabbii jala jiru, yoo fedhe isaan azzaba yoo fedhe immoo isaaniif dhiisa, eegasii deebiiin isaanii jannata ta'a.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (1/ 94) (93).

Dabalata (4)

إكمال المعلم بفوائد مسلم (1/ 363).

شرح النووي على مسلم (2/96) المفهم للقرطبي (1/290).

تطريز رياض الصالحين (ص 281).

الكوكب الوهاج شرح صحيح مسلم بن الحجاج (3/63).