45 : 24
وَقَالُواْ مَا هِيَ إِلَّا حَيَاتُنَا ٱلدُّنۡيَا نَمُوتُ وَنَحۡيَا وَمَا يُهۡلِكُنَآ إِلَّا ٱلدَّهۡرُۚ وَمَا لَهُم بِذَٰلِكَ مِنۡ عِلۡمٍۖ إِنۡ هُمۡ إِلَّا يَظُنُّونَ
Nijedhan “Jireenya keenya kan addunyaa malee isheen (jiruun biraa) hin jirtu. ni duuna; (gariin keenyas) ni jiraanna, zamana malee wanti nu balleessu hin jiru”. Waan kanatti beekumsa homaatuu isaaniif hintaane. Isaan se’oo malee hin taane.