33 : 43
هُوَ ٱلَّذِي يُصَلِّي عَلَيۡكُمۡ وَمَلَٰٓئِكَتُهُۥ لِيُخۡرِجَكُم مِّنَ ٱلظُّلُمَٰتِ إِلَى ٱلنُّورِۚ وَكَانَ بِٱلۡمُؤۡمِنِينَ رَحِيمٗا
Inni (Rabbiin) Isa rahmata isin irratti buusuudha. Maleykonni Isaas (akkasuma rahmata isiniif kadhatu); dukkanoowwan keessaa gara ifaatti isin baasuuf (isin mararfata); mu’uminootaaf akkaan rahmata godhaa ta’eera.