2 : 40
يَٰبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ ٱذۡكُرُواْ نِعۡمَتِيَ ٱلَّتِيٓ أَنۡعَمۡتُ عَلَيۡكُمۡ وَأَوۡفُواْ بِعَهۡدِيٓ أُوفِ بِعَهۡدِكُمۡ وَإِيَّٰيَ فَٱرۡهَبُونِ
Yaa Ilmaan Israa’iil! qananii tiyya tan Ani ittiin isin qanansiise yaadadhaa. Waadaa kiyyas guutaa; Anis waadaa keessan nan guuta. Ana qofa sodaadhaa!