عربي - Arabic English Qafár af - Afar Afrikaans - Afrikanns Akan Shqip - Albanian አማርኛ - Amharic Հայերեն - Armenian অসমীয়া - Assamese Azərbaycanca - Azerbaijani Bamanankan - Bambara Bassa Bemba বাংলা - Bengali Bosanski - Bosnian Български - Bulgarian မြန်မာဘာသာ - Burmese Bisaya - Cebuano Cham Нохчий - Chechen chiCheŵa - Chewa 中文 - Chinese Адыгэбзэ - Circassian Hrvatski - Croatian Česky - Czech Dagbani Dansk - Danish فارسی دری - Dari Dendi ދިވެހި ބަސް - Dhivehi Nederlands - Dutch إستوني - Estonian Suomi - Finnish Français - French Fulfulde - Fula ქართული - Georgian Deutsch - German Ελληνικά - Greek ગુજરાતી - Gujrati Kreyòl ayisyen - Haitian Creole Hausa हिन्दी - Hindi Magyar - Hungarian Igbo Indonesia - Indonesian Italiano - Italian 日本語 - Japanese Jóola - Jola ಕನ್ನಡ - Kannada Қазақша - Kazakh ភាសាខ្មែរ - Khmer Kikuyu Ikinyarwanda - Kinyarwanda Ikirundi - Kirundi 한국어 - Korean كوردی سۆرانی - kurdish كوردي kurmancî - Kurmanji Kyrgyz ລາວ - Lao latviešu - Latvian Lingala lietuvių - Lithuanian Luganda Македонски - Macedonian Maguindanaon Malagasy - Malagasy Bahasa Melayu - Malay മലയാളം - Malayalam Mandinka मराठी - Marathi Mõõré - Moore नेपाली - Nepali أنكو - NKo Norwegian ଓଡ଼ିଆ - Odia oromoo - Oromo پښتو - Pashto فارسی - Persian Polski - Polish Portuguese ਪੰਜਾਬੀ - Punjabi Română - Romanian Русский - Russian Српски - Serbian Shona සිංහල - Sinhala Slovenščina - Slovenian Soomaaliga - Somali Soninke Sesotho - Sotho Español - Spanish Kiswahili - Swahili Svenska - Swedish Tagalog Тоҷикӣ - Tajik தமிழ் - Tamil తెలుగు - Telugu ไทย - Thai ትግረኛ - Tigrinya Türkçe - Turkish Ukrainian اردو - Urdu ئۇيغۇرچە - Uyghur Ўзбек - Uzbek Việt Nam - Vietnamese Wolof Yao Yorùbá - Yoruba Zarma زولو - Zulu
559 Hadiths
Encyclopedia of Prophetic Hadiths
Categories
Grading
Narrated in
Show remaining sources
Narrator
Show all narrators (88)
Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedheetiin gaafadhe: Rabbiin biratti dilii kamiitu irra guddaadha? isaanis akkana jedhan: “Osoo inni si uumee jiruu,
Rabbiif fakkaataa gochuudha” anis nan jedhe: sun waan guddaadha. ammas nan jedhe: Eegasii hoo? Isaanis ni jedhan: “Ilma kee si waliin nyaachuu sodaaf jecha ajjeesuudha", nan jedhe: eegasii hoo? Isaanis ni jedhan: “haadha manaa ollaa keetitti sagaagalummaa raawwachuudha”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Mana saree fi suuraan keessa jiru malaa'ikaan hin seentu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ani mucaa guddisa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jala ture, harki koo sahanaa nyaataa irra naanna'aa waan tureef, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas naan jedhan: "Yaa gurbaa maqaa Rabbii waami(Bismillaahi jedhi), harka mirgaatiin nyaadhu, gara keetin nyaadhu" sana booda akkaataa saniin nyaachuu dhiisee hin beeku.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaanii seenan akkana jedhu ture: “Yaa Rabbi ani sheyxaana dhiirotaati fi sheyxaana dubartootaa irraan sitti majanfadha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Ibiddi keessan ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokkicha", ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii isiinuu geessuu kan taate turtee mitii. isaanis: "(ibiddi jahannam ibidda lafaa irra harka jahaatamii sagaliin caalchifamtee jirti, hundi isiituu akka gubaa ibidda lafa irraati".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Rabbiin ol ta'e worra jannataatiin ni jedha: yaa worra jannataa? Rabbii keenya siif owwaanne si gammachiifne jedhu, Rabbiinis ni jedha: jaallatanii? isaanis ni jedhu: akkamitti jaallachuu dhabna atoo waan uumama kee tokkof hin kennine dhugaatti nuuf kennitee hoo? Rabbiinis ni jedha: ani waan sana caalun isinif keenna, isaanis ni jedhani: yaa Rabbi, maaltu sana caala? Rabbiinis ni jedha: jaalala koon isinitti uffisa booda isaatii yoomuu isinitti hin dallanu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ani nama baayʼee bishaan (mazyiin) qaama saalaa irraa dhangala'u ture, intalti isaanii waan nabira jirtuuf jecha Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfadheetiin Miqdaad ilma Aswad akka isaan naaf gaafatuuf jecha ergee, gaafatee jennaan, isaanis akkana jedhan: “Qaama saalaa isaa dhiqatee wuduu’a godhata". Akka Bukhaariin gabaasetti immoo akkana jedhan: “wuduu’a godhadhuutii qaama saalaa kee dhiqi”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan