Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

81 of 559 cards

Clear filters
Guyyaa tokko Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata subhii nuun salaatanii ka'anii akkas jedhani: «Ebalu dhufeeraa?» sahaabonnis: lakki jedhani, ammas ergamaan ni jedhani: «Ebalu hoo dhufeeraa?» ammas sahaabonni lakki jedhani, eegasii isaan akkas jedhani: «Salaatattiin kun lameen, munaafiqoota irratti irra ulfaataa salaatotaati, osoo waan isaan lameen keessa jiru beektanii jilbaan daa'imtanii ta'ullee silaa ni dhuftan ture, saffiin jalqabaa akka saffii malaa'ikaati, osoo sadarkaa isaa beektanii itti ariifattu ture, salaanni namni tokko nama biroo woliin salaatu salaata qofaa isaa salaatu irra caalaadha, salaanni inni nama lamaa woliin salaatu salaata nama tokkoo woliin salaatu irra caalaadha, kan hedduummate isatu Rabbiin biratti irra jaallatamaadha».
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasan
«Hasan fi Huseen hoggantoota dargaggoota warra jannataati».
Sahiiha Tirmizii fi Ahmad gabaasani
Nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaaniitii ba'anutti akkana jedhu ture: «Ghufraanaka» jechuunis: ararama keen barbaada, jechuudha.
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
“Warra rahmata namaa godhan, Rahmaan(Rabbiin) rahmata godhaaf, warra dachii irra jiraniif rahmata godhaa, Inni samii keessa jiru rahmata isiniif godhaa”.
Sahiiha Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
"Namni waan Rabbiin malee jiruun kakate dhugumatti kafare, yookaan Rabbitti waan biraa qindeesse''.
Sahiiha Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
«Arrabni kee Zikrii Rabbiitiin jiidhuu hin dhiisin».
Sahiiha Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
"Gosoonni hojiiwwananii jaha, gosoonni namootaa afuri, (gosti hojiiwwanii) lama dirqamsiiftuudha, fakkaataa fakkaataadhaan mindeessuu, toltuun fakkaattii isii kudhaniinii fi toltuun tokko dhibba torbaaniidha, Dirqamsiiftuun lameen: namni osoo waan tokkoollee Rabbitti hin qindeessin du'e jannata seene, namni haala waan tokko Rabbitti qindeessuun du'e ibidda seene, fakkaataa fakkaataan mindeessuun immoo: namni hanga qalbiin isaa beekuttii fi murannoo isaa Rabbiin irraa beekutti toltuu hojjachuu kan yaade toltuu tokkotu isaaf barreeffama, namni hamtuu hojjate hamtuu tokkotu isa irratti barreeffama, namni toltuu tokko hojjate fakkaattii isaa kudhaniin isaaf barreeffama, namni kennaa tokko karaa Rabbii irratti kenne toltuun tokko dhibba torbaan isaaf qabama, Namoonni afran immooo, tokko kan duuniyaa irratti isatti bal'ifamee Aakhiraatti immoo isatti dhiphifamuudha, tokko immoo duuniyaa irratti kan isatti dhiphifamee Aakhiraatti immoo isatti bal'ifamuudha, tokko immoo duuniyaa fi Aakhiraatti kan isatti dhiphifamuudha, tokko immoo duuniyaa fi Aakhiraatti kan isatti bal'ifamuudha".
Hasani Ahmadtu gabaase
«Wanta shakkitu dhiisii, gara waan hin shakkinee deemi, dhugumatti dhugaan tasgabbii dha, sobni immoo shakkii dha».
Sahiiha Tirmizii, Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasani