Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

34 of 559 cards

Clear filters
«Rabbiin ol ta'e worra jannataatiin ni jedha: yaa worra jannataa? Rabbii keenya siif owwaanne si gammachiifne jedhu, Rabbiinis ni jedha: jaallatanii? isaanis ni jedhu: akkamitti jaallachuu dhabna atoo waan uumama kee tokkof hin kennine dhugaatti nuuf kennitee hoo? Rabbiinis ni jedha: ani waan sana caalun isinif keenna, isaanis ni jedhani: yaa Rabbi, maaltu sana caala? Rabbiinis ni jedha: jaalala koon isinitti uffisa booda isaatii yoomuu isinitti hin dallanu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Itti dhihaadhaa karaa sirrii hordofaa, Isin irraa namni tokkolleen hojii isaatiin akka nagaa hin baane beekaa» sahaabonni akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii atis moo? isaanis akkas jechuun deebisan: Anas ta'u, yoo Rabbiin rahmataa fi tola isaatiin na haguuge malee».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Rabbiin ol ta'e guyyaa qiyaamaa irra laafaa adabamaa worra ibiddaatiin ni jedha: osoo wonti dachii keessatti argamu hundi kan kee ta'ee isaan of ni bittaa? eeyyeen jedha, Rabbiinis ni jedhaan: yeroo ati dugda Aadam turtetti waan kana irra laafaan sirraa barbaadee ture: innis homaa akka anatti hin qindeessine ture, ati garuu anatti qindeessuu malee ni didde».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jecha tokko jedhan, anis kan biraatiin jedhe, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ":Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee osoo kadhatuu du'e ibidda seena". Anis nin jedhee: Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee isa hin kadhatin jannata seena.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Eenyuu keessanuu Rabbiin haala gidduu isaatii fi gidduu keessanitti turjumaanni hin jirreen isa haasofsiisu malee hin hafu, namichi yeroo sana mirga isaa ilaalee waan dabarse malee homaa hin argu, gara bitaa isaas ilaalee waan dabarse malee homaa hin argu, fuuldura isaas ilaalee ibidda malee fuula isaa duratti homaa hin argu, Rabbiin sodaadhaa cinaa tamiraatiin osoo ta'ellee».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaal irratti Mu'aaz uddeelluu isaanii taa'ee akkas jedhani: «Yaa Mu'aaz ilma Jabal», siif owwaadhe yaa ergamaa Rabbii sis gamamchiise, isaanis ni jedhani: «yaa Mu'aaz», Mu'aazis siif owwaadhe yaa ergamaa Rabbii siis gammachiise jedhe, yeroo sadi, nabiyyiinis akkas jedhani: «Eenyunuu qalbii isaa irraa dhugoomsee haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre Muhammad immoo ergamaa Rabbii akka ta'e ragaa ba'eera taanaan Rabbiin ibidda irratti haraama isa taasisu malee hin hafu» Mu'aazis yaa ergamaa Rabbii, namootatti himee haa gammadanuu? jedhe: nabiyyiinis ni jedhani: «yeroo sana (hojii dhiisanii hadiisa kana irratti) ni hirkatu». Mu'aazis akka badii isaatti hin taaneef jecha yeroo du'a isaa isa hime.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namoonni wohii raagdota irraa ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafatani, Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas isaaniin jedhani: «Isaan homaa miti» isaanis ni jedhani: yaa ergamaa Rabbii, isaan yeroo garii waa odeessanii jennaan haqa ta'a, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Isiin sun jecha tokko kan dhugaa irraa taate kan jinniin isii butuun gurra jaalallee isaa keessatti akka lukkuun iyyaansa isii deddeebistutti deddeebisa, kijiba dhibbaa ol isiitti maku».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Rabbiin ol ta'e ni jedhe: Nama jaalallee koo diinomfate, akkan lola isatti banu isa beeksiseera, wantoota garbichi koo hojjachuun natti dhihaatu keessaa, Wantoota ani dirqama isa irratti godhe hojjachuun natti dhihaachuu isaa caalaatti, wanti tokko kan na biratti jaallatamaa ta'e hin jiru, Gabrichi koo sunnaa hojjachuun natti dhihaachuu irraa booda hin jedhu, hangan isa jaalladhutti. yoon isa jaaladhe immoo, dhageettii isaa kan inni ittiin dhaga'u, ija isaa kan inni ittiin argu, harka isaa kan inni ittiin qabatuu fi miila isaa kan inni ittiin deemun isaaf ta'a, (qaama isaa hamturraa isa tiiysa jechuudha) yoo na kadhate isaafin kenna, yoo natti maganfates isan tiksa».
Sahiiha Bukhaariitu gabaase