Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

73 of 559 cards

Clear filters
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- harka isaa qabanii akkas jedhaniin: «Yaa Mu'aaz Rabbitti kakadhee ani si jaalladha», eegasii akkas jedhaniin: «Siifin Dhaama yaa Mu'aaz xumuura salaata hundatti akkas jechuu hin dhiisin: Yaa Rabbi si yaadachuu, si galateeffachuu fi akka gaariitti si gabbaruu irratti na gargaari».
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasan
“Guyyaa Jum’aa, osoo imaamni gorsuu hiriyyaa keetiin callisi (dhageeffadhu) yoo jette, ati dhugumatti taphattee jirta (sadarkaa salaata jum'aa dhabdeerta)".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Tokkoon keessan uffata tokko uffatee, ceekuu isaa lamaan irratti osoo homaa hin uffatin hin salaatin».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Salaata asriitti daddafaa yeroon salaataa, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni salaata Asrii dhiise dhugaatti hojiin isaa jalaa bade».
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
Ummu Salaamaan Ergamaa Rabbiitiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bataskaana Maariyah jedhamtu biyya Habashaa keessatti argite dubbatte, suuraa adda addaa irraa waan ishee keessatti argite itti himte. Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Isaan sun ummata yeroo gabrichi gaariin, yookaan namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayani warri sun Rabbiin biratti irra badoo uumamaati”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Halkan tokko ani Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- firaasha irraa dhabee, isaan barbaadee osoo isaan masjiida keessa jiranii harki kiyya keessoo miila isaanii lamaan tuqxe osoo isaan lamaan dhaabbatanii, isaan akkana jedhuu turani: «Yaa Rabbi, dheekkamsa kee irraa jaalala keetti, adabbii kee irraas nagaa keetti maganfadha, ammas si irraan sitti maganfadha, akka ati of faarsitetti faaruu kee lakkaa'ee fixuu hin danda'u».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Dhaabbadhuu salaati, yoo hin dandeenye taa'ii salaati, yoo hin dandeenye cinaacha kee irratti hirkadhuu salaati».
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
Nabiyyiin waliin salaate, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, gama mirga isaanitti akkana jechuun salaamtaa jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh» hiikni isaas: nagaan, rahmannii fi barakaan Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha, gama bitaa isaanitti immoo akkana jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaah» hiikni isaas: nagaa fi rahmanni Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha.
Hasani Abuu Daawuudtu gabaase