«Irra caalaan tarree dhiirotaa jalqaba isaati, irra hamaan isaa immoo xumura isaati, irra caalaan tarree dubartootaa xumura isaati, irra hamaan isaa immoo jalqaba isaati».
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Irra caalaan tarree dhiirotaa jalqaba isaati, irra hamaan isaa immoo xumura isaati, irra caalaan tarree dubartootaa xumura isaati, irra hamaan isaa immoo jalqaba isaati».
«خَيْرُ صُفُوفِ الرِّجَالِ أَوَّلُهَا، وَشَرُّهَا آخِرُهَا، وَخَيْرُ صُفُوفِ النِّسَاءِ آخِرُهَا، وَشَرُّهَا أَوَّلُهَا».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata keessatti irra caalaan saffii dhiiraa, akkasuma mindaa irra hedduu fi sadarkaa irra hedduu kan qabu saffii jalqabaa akka ta'e himani; imaamatti waan dhihaatanii qiraatii isaa waan dhaggeeffatanuu fi dubartoota irraa fagoo waan ta'eef jecha. Irra hamaa fi mindaa fi sadarkaatti irra gadi aanaan isaa akka ilaalcha shari'aatti xumura isaati. Irra caalaan saffii dubartootaa xumura isaati; isaaniif waan irra dhoksaa ta'eef jecha, akkasumas dhiirotaan wolitti makamuu fi isaan ilaaluu irraa irra fagoo waan ta'eef jecha, irra hamaan isaa jalqaba isaati; dhiiratti dhihaachuu fi fitnaaf saaxilamuuf dhihoo waan ta'eef jecha.
Ibaadaa fi salaataaf saffii jalqabaatiif ariifaachuu irratti dhiirota kakaasuutu keessa jira.
dubartoonni dhiirotaa woliin masjiidatti saffii kophaa ba'e irratti salaatuun eeyyamamaa ta'uu isaa, garuu hagooggatanii sattarataniiti.
dubartooonni yeroo masjiidatti wolitti qabaman, akkuma saffii dhiirotaa addatti saffii godhatu, adda adda ba'anii hin salaatanu, saffii qajeelchanii qaawa duuchuutu isaan irra jiraata, akkuma saffii dhiirotaatti.
shari'aan dubartoonni dhiirota irraa akka fagaatanuuf eeguu jabaa gochuu isaa ibsuutu keessa jira, bakka ibaadaan itti godhamu yoo ta'ellee.
namoonni akkaataa hojii isaaniitiin kan wol caalan ta'uu isaa.
Aalimni islaamaa Nawawiin akkas jedhe: saffiin dhiirotaa akkuma jirutti, yeroo hundaa irra caalaan isaan jalqaba isaati, yeroo hundaa irra hamaan isaa xumura isaati, saffiin dubartootaa immoo hadiisaan kan itti fedhame: saffii dubartoota worra dhiirotaa woliin salaatanuuti, yoo dhiiraan adda ba'anii kan salaatan ta'e immoo isaanis akka dhiirotaati; irra caalaan saffii isaanii jalqaba isaa ta'a akkasuma irra hamaan saffii isaanii xumura isaa ta'a.
Nawawiin itti dabaluun akkas jedhe: saffiin faarfamaan kan hadiisni sadarakaa isaa ibsuu fi itti kakaasuun dhufe inni saffii isa imaamatti aanudha; abbaan isaa dursee yoo dhufes booda hafee yoo dhufes, akkasumas wonti adda baasuu fi kan sana fakkaatan yoo seenes yoo seenuu dhabes tokkuma.
Sahiiha Muslim (1/ 326) (440).
Dabalata (8)
سبل السلام شرح بلوغ المرام.
للصنعاني (1/ 374 ).
توضيح الأحكام مِن بلوغ المرام.
لعبد الله البسام (2/ 495).
فتح ذي الجلال والإكرام شرح بلوغ المرام.
لابن عثيمين (2/ 272).
مرقاة المفاتيح شرح مشكاة المصابيح.
للتبريزي (3/ 851).
Cited in books
8 BooksDabalata (8)
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهمالصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«خيرُ صُفوفِ الرّجالِ أوَّلُها، وشَرُّها آخِرُها، وخيرُ صُفوفِ النساء آخِرُها، وشَرها أوَلُها»[321].
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«خَيْرُ صُفُوفِ الرِّجَالِ أَوَّلُهَا، وَشَرُّهَا آخِرُهَا، وَخَيْرُ صُفُوفِ النِّسَاءِ آخِرُهَا، وَشَرُّهَا أَوَّلُهَا»[321].
- المختصر المفيد للمؤذن والإمام والخطيب وأحكام المساجد«خَيْرُ صُفُوفِ الرِّجَالِ أَوَّلُهَا، وَشَرُّهَا آخِرُهَا، وَخَيْرُ صُفُوفِ النِّسَاءِ آخِرُهَا، وَشَرُّهَا أَوَّلُهَا»
- المختصر المفيد للمؤذن والإمام والخطيب وأحكام المساجد«خَيْرُ صُفُوفِ الرِّجَالِ أَوَّلُهَا، وَشَرُّهَا آخِرُهَا، وَخَيْرُ صُفُوفِ النِّسَاءِ آخِرُهَا، وَشَرُّهَا أَوَّلُهَا»
- المنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح - المعتمدالمنتقى من المتجر الرابح في ثواب العمل الصالح“خير صفوف الرجال أولها، وشرها آخرها، وخير صفوف النساء آخرها، وشرها أولها”.
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 5«خَيْرُ صفوفِ الرِّجالِ أوَّلُهَا، وشرُّها آخرُها، وخيُر صُفوفِ النِّساءِ آخرُها، وشرُّها أوَّلُها».
- فضائل وآداب المسجد النبويفضائل وآداب المسجد النبوي، وأحكام زيارة قبر النبي عليه الصلاة والسلام وقبري صاحبيه«خَيْرُ صُفُوفِ الرِّجَالِ أَوَّلُهَا، وَشَرُّهَا آخِرُهَا، وَخَيْرُ صُفُوفِ النِّسَاءِ آخِرُهَا، وَشَرُّهَا أَوَّلُهَا»[14]،
- مجموعة زاد الفقه (2)الفقه للمستوى الثاني ( مجموعة زاد )«خَيْرُ صُفُوفِ الرِّجَالِ أَوَّلُهَا، وَشَرُّهَا آخِرُهَا، وَخَيْرُ صُفُوفِ النِّسَاءِ آخِرُهَا، وَشَرُّهَا أَوَّلُهَا».