Skip to content

Rabbiin hojii irraa hanqinuma inni qabuun waliin Jannata isa galcha".

Ubaadaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:

"Rabbiin tokkicha hiriyaa hin qabnee, Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaatii, Iisaanis garbicha Rabbiitii fi Ergamaa Isaatii, inni ammas dubbii Rabbiin gara Maryamitti darbee fi inni hafuura Isa irraa ta'ee, Jannanni dhugaadhaa, ibiddiis dhugaadhaa namni ragaa bahe Rabbiin hojii irraa hanqinuma inni qabuun waliin Jannata isa galcha".

«مَنْ شَهِدَ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ، وَأَنَّ عِيسَى عَبْدُ اللهِ وَرَسُولُهُ وَكَلِمَتُهُ أَلْقَاهَا إِلَى مَرْيَمَ وَرُوحٌ مِنْهُ، وَالْجَنَّةُ حَقٌّ، وَالنَّارُ حَقٌّ، أَدْخَلَهُ اللهُ الْجَنَّةَ عَلَى مَا كَانَ مِنَ الْعَمَلِ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni dhugumatti jecha tawhiidaa hiika isii beekee akeeka isitti hojjataa haala ta'een dubbate, Nabiyyii Muhaammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichaa fi ergamaa Rabbii ta’uu isaanii namni ragaa bahe, akkasumas Iissaan gabrichaa fi ergamaa Rabbii ta'uu isaa, Akkasumas Rabbiin jecha Isaa "kun" jechuun akka isa uumee inni argame, ammas inni hafuurota Rabbiin isaan uume keessaa hafuura tokko akka ta'e namni amane, Akkasumas waan yahuudoonni ishee irratti himan irraa haadha isaa bilisa kan baase. Akkasumas jiraachuu isaan lameenitii fi isaan lameen qananii Rabbiitii fi adabbii Isaa ta'utti amanaa haala ta'een namni Jannanni haqa, Ibiddi haqa, jedhee ragaa bahe, Sana irratti kan du'e; osoo ibaadaa keessatti hanqina qabaatee badillee qabaatee deebiin isaa akka gara jannataa ta'e nuuf himan.

Hiika jechchootaa

لا إله إلا الله: لا معبود بحق إلا الله.

ألقاها إلى مريم: أرسل بها جبريل إليها فنفخ فيها من روحه بإذن الله عز وجل.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Rabbiin ol ta'e jecha Isaa "Ta'i" jedhuun abbaa malee akka Iisaa ilma maryam uumeedha.

Iisaa fi Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabroota Rabbiitii fi ergamtoota ta'uu isaan lameenii bakka tokkotti dubbachuudha, kanaafuu isaan lameen ergamtootaa hin soban, ammas isaan lameen gabrootaa hin gabbaramaniidha.

Sadarkaa Rabbiin Tokkichoomsuun qabuu fi inni badiiwwan akka haquudha, akkasumas hireen Nama Rabbiin tokkichoomsuu badiin tokko tokko osoma irraa argamelle jannata ta'uudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (4/ 165) (3435).

Sahiiha Muslim (1/ 57) (28).

Dabalata (4)

الملخص في شرح كتاب التوحيد.

لصالح الفوزان (ص25).

الجديد في شرح كتاب التوحيد.

لمحمد القرعاوي (ص36).