"Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana jedhan:
"Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture, salaanni akka dhaabbattuuf ajaja dabrsee, eegasii nama namoota salaachisu ajaja itti kennee, sana booda dhiirota isaanin waliin tuulaan qoraanii jiru waliin deemee namoota salaata jamaa'aa hin dhufne irratti manneen isaanii dhugumatti ibiddaan gubuu yaadeera".
«إِنَّ أَثْقَلَ صَلَاةٍ عَلَى الْمُنَافِقِينَ صَلَاةُ الْعِشَاءِ وَصَلَاةُ الْفَجْرِ، وَلَوْ يَعْلَمُونَ مَا فِيهِمَا لَأَتَوْهُمَا وَلَوْ حَبْوًا، وَلَقَدْ هَمَمْتُ أَنْ آمُرَ بِالصَّلَاةِ فَتُقَامَ، ثُمَّ آمُرَ رَجُلًا فَيُصَلِّيَ بِالنَّاسِ، ثُمَّ أَنْطَلِقَ مَعِي بِرِجَالٍ مَعَهُمْ حُزَمٌ مِنْ حَطَبٍ إِلَى قَوْمٍ لَا يَشْهَدُونَ الصَّلَاةَ، فَأُحَرِّقَ عَلَيْهِمْ بُيُوتَهُمْ بِالنَّارِ».
Nabiyyiin -nageenyi fi rahmanni isaan irra haa jiraatu- waa’ee munaafiqootaa fi laafina isaan salaata irratti, keessattuu salaata lamaan Ishaa'ii fi Fajrii irratti qabanii fi mindaa jama'aa muslimootaa wajjiin isaan lamaan raawwachuu keessa jiru osoo beekanii, silaa harkaa fi jilbaan akka daa'imaatti shorroqanii isaan lamaan akka dhufan himan. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irra haa jiraatu- salaanni akka gaggeeffamu ajajanii, nama bakka isaanii bu'ee ummataan salaatu muudanii, eegasii dhiirota muka qoraanii baatan waliin deemanii dhiirota salaata jamaa'aa hin dhufne irratti maneen isaanii ibiddaan gubuu irratti dhugumatti murataniiru; hammeenya badii isaan raawwatan irraa kan ka'een, -garuu isaan akkas hin goone- sababni isaas dubartootaa fi ijoolleen cubbuu hin qabne, akkasumas namoonni biroo kan uzrii (rakkoo) qabanii fi badii tokkollee hin qabne manneen keessa waan jiraniif jecha.
المنافقين: الذين يظهرون الإسلام ويبطنون الكفر.
ولو يعلمون: علم إيمان ويقين.
فتُقَام: ينادى لها بالإقامة.
حُزَمٌ: جمع حزمة، وهو ما جُمع وشُدَّ بحبل ونحوه.
Salaata jama'aa ykn waloo masjiidatti salaatuu dhabuun balaa hamaa akka tahe ibsuudha.
Munaafiqonni ibaadaa isaanii keessatti nama agarsiifachuu fi dhageessifachuu malee yaada biraa waan hin qabneef, yeroo namoonni isaan argan malee gara salaataa hin dhufan.
Salaata Ishaa fi Fajrii jama’aa waliin salaatuun mindaa guddaa akka qabuu fi osoo shorroqiinsalleen ta'ee isaan lamaan dhufuun barbaachisaa akka ta'eedha.
Salaata Ishaa fi Fajrii salaatuun munaafiqummaa irraa nagaa ta'uu agarsiisa, isaan lamaan irraa hafuun ammoo mallattoolee munaafiqootaa keessaa isa tokko.
Sahiiha Muslim (1/ 451) (651).
Sahiiha Bukhaarii (1/ 132) (657).
Dabalata (6)
الإلمام بشرح عمدة الأحكام.
لإسماعيل الأنصاري (1/ 88).
تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.
للبسام (ص107).
تنبيه الأفهام شرح عمدة الأحكام.
لابن عثيمين (1/ 136).
Cited in books
6 BooksDabalata (6)
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهمالصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«إِنَّ أَثْقَلَ صَلَاةٍ عَلَى الْمُنَافِقِينَ صَلَاةُ الْعِشَاءِ، وَصَلَاةُ الْفَجْرِ، وَلَوْ يَعْلَمُونَ مَا فِيهِمَا لَأَتَوْهُمَا وَلَوْ حَبْوًا»[83].
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهمالصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«إِنَّ أَثْقَلَ صَلَاةٍ عَلَى الْمُنَافِقِينَ صَلَاةُ الْعِشَاءِ، وَصَلَاةُ الْفَجْرِ، وَلَوْ يَعْلَمُونَ مَا فِيهِمَا لَأَتَوْهُمَا وَلَوْ حَبْوًا»[414].
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«إِنَّ أَثْقَلَ صَلَاةٍ عَلَى الْمُنَافِقِينَ صَلَاةُ الْعِشَاءِ، وَصَلَاةُ الْفَجْرِ، وَلَوْ يَعْلَمُونَ مَا فِيهِمَا لَأَتَوْهُمَا وَلَوْ حَبْوًا»[83].
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«إِنَّ أَثْقَلَ صَلَاةٍ عَلَى الْمُنَافِقِينَ صَلَاةُ الْعِشَاءِ، وَصَلَاةُ الْفَجْرِ، وَلَوْ يَعْلَمُونَ مَا فِيهِمَا لَأَتَوْهُمَا وَلَوْ حَبْوًا»[414].
- مجموعة زاد الفقه (2)الفقه للمستوى الثاني ( مجموعة زاد )عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اﷲِ صلى الله عليه وسلم: «إِنَّ أَثْقَلَ صَلَاةٍ عَلَى الْمُنَافِقِينَ صَلَاةُ الْعِشَاءِ، وَصَلَاةُ الْفَجْرِ، وَلَوْ يَعْلَمُونَ مَا فِيهِمَا لَأَتَوْهُمَا وَلَوْ حَبْوًا، وَلَقَدْ هَ
- مشروع المنهج التعليميمادة الفقه مستوى 2«إِنَّ أَثْقَلَ صَلَاةٍ عَلَى الْمُنَافِقِينَ صَلَاةُ الْعِشَاءِ، وَصَلَاةُ الْفَجْرِ، وَلَوْ يَعْلَمُونَ مَا فِيهِمَا لَأَتَوْهُمَا وَلَوْ حَبْوًا».