Skip to content

"Sadaqaan qabeenya kamuu irraa hin hir'ifne, Rabbiin garbicha tokkoof dhiifama gochuu isaatiif injifannoo malee homaa hin daballe, namni tokkoyyuu Rabbiif jecha gad of qabee Rabbiin ol isa fuudhu malee hin hafu".

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

"Sadaqaan qabeenya kamuu irraa hin hir'ifne, Rabbiin garbicha tokkoof dhiifama gochuu isaatiif injifannoo malee homaa hin daballe, namni tokkoyyuu Rabbiif jecha gad of qabee Rabbiin ol isa fuudhu malee hin hafu".

«مَا نَقَصَتْ صَدَقَةٌ مِنْ مَالٍ، وَمَا زَادَ اللهُ عَبْدًا بِعَفْوٍ إِلَّا عِزًّا، وَمَا تَوَاضَعَ أَحَدٌ لِلهِ إِلَّا رَفَعَهُ اللهُ».

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadaqaan qabeenya akka hin hir'ifne ifa galchani, inumaayyuu balaa abbaa isii irraa ittifti, Rabbiin abbaa isiitiif toltuu guddaadhaan bakka buusa, kanaafuu hir'ina osoo hin taane dabalata taati. Haaloo ba'uu danda'uu waliin yookaan abbaa isaa adabuu danda'uu waliin dhiifama gochuun humnaa fi injifannoo malee homaa hin dabalu. Namni tokkoyyuu sodaaf, fakkeessaa fi bu'aa wohii irraa barbaaduuf kan hin taane fuula Rabbiitiif jecha of gadi qabee of xinneesse taanaan, mindaan isaa olaantummaa fi kabajaa ta'u malee hin hafu.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Toltuu fi milkiin shari'aa hojii irra oolchuu fi khayrii hojjachuun argama, namni gariin faallaa kanaatiin argama jedhee yaadullee.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (4/ 2001) (2588).

Dabalata (8)

توضيح الأحكام من بلوغ المرام.

للبسام (7/ 501).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (10/ 354).

فتح ذي الجلال والإكرام.

لابن عثيمين (6/ 438).

سبل السلام بشرح بلوغ المرام.

للصنعاني (2/ 692).