Skip to content

“Namni itti yaadee ana irraati sobe ibidda keessatti teessoo isaa haa qopheeffatuu”.

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa laallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:

“Namni itti yaadee ana irraati sobe ibidda keessatti teessoo isaa haa qopheeffatuu”.

«مَنْ كَذَبَ عَلَيَّ مُتَعَمِّدًا فَلْيَتَبَوَّأْ مَقْعَدَهُ مِنَ النَّارِ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni itti yaadee isaan irratti jecha ykn gocha tokko isaanitti hirkisuun sobe/kijibe soba sanaaf jecha mindaa isaa haala ta'een isaaf teessootu ibidda keessatti jiraaf jechuudha ibsan.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- itti yaadanii beekkan sobuun ibidda jahannam seenuuf sababa namatti ta'aadha.

Nabiyyii irratti sobuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka namoota biroo irratti sobuutii miti, sababni isaas nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sobuun amantii fi addunyaa keessatti badii gurguddoo waan of keessaa qabuuf jecha.

Osoo hubatanii gara Nabiyyitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hirkifamuun ishee sirriidha moo sirrii mitii hin mirkaneeffatin Hadiisa facaasuu irraa akeekachiisuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 33) (110).

Sahiiha Muslim (1/ 10) (3).

Dabalata (5)

إكمال المعلم (1/111).

شرح النووي على مسلم (1/65).

المفهم (1/32).

عمدة القاري شرح صحيح البخاري (2/ 151).

شرح مقدمة سنن ابن ماجه (5/ 8).