Irra baay'een du'aa'ii Nabiyyii -nagaa fi rahmnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jechuudha ture: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi".
Anas irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:
Irra baay'een du'aa'ii Nabiyyii -nagaa fi rahmnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jechuudha ture: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi".
كَانَ أَكْثَرُ دُعَاءِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «اللَّهُمَّ رَبَّنَا آتِنَا فِي الدُّنْيَا حَسَنَةً، وَفِي الآخِرَةِ حَسَنَةً، وَقِنَا عَذَابَ النَّارِ».
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- du'aa'ii yeroo tokkotti waa hedduu of keessatti qabatuun kadhannaa kan baay'isan turan, sana keessaa: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi" jechuudha. Du'aa'in kun gaarummaa addunyaa kan akka rizqii bareedduu, bal’aa halaal, haadha manaa gaarii, ilmoo ijji itti gammaddu, beekumsa faayidaa qabu, hojii gaarii, fi wantoota hawwataa fi hayyamaman biroo of keessatti hammata, akkasumas tolina aakhiraa, adabbii qabrii, fi ibidda jahannam irraa bilisa ta’uu, jaalala Rabbii argachuu, qananii dhaabbataa ta'een milkaa'u fi Rabbii rahmata guddaa qabutti dhihaachuudha of keessatti hammata.
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- fakkeenyummaan hordofuuf jecha, du'aa'ii hunda galeessa fayyadamuun jaallatamaa ta'uudha.
Namni yeroo du'aa'ii godhatu du'aa'ii isaa keessatti kheyrii addunyaa fi Aakhiraa walitti qabee kadhachuun caalaatti kadhannaa isaa guutuu taasisa.
Sahiiha Bukhaarii (8/ 83) (6389).
Sahiiha Muslim (4/ 2070) (2690).
Dabalata (8)
توضيح الأحكام من بلوغ المرام.
للبسام (7/ 578).
منحة العلام في شرح بلوغ المرام.
لعبد الله الفوزان (10/ 463).
فتح ذي الجلال والإكرام.
لابن عثيمين (6/ 504).
سبل السلام بشرح بلوغ المرام.
للصنعاني (2/ 714).
Cited in books
4 BooksDabalata (4)
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 7«اللّهم آتنَا في الدُّنيا حسنةً، وفي الآخرة حسَنَةً، وقِنَا عذابَ النَّار».
- صلاتنا الخاشعة"رَبَّنَا آتِنَا فِي الدُّنْيَا حَسَنَةً، وَفِي الآخِرَةِ حَسَنَةً، وَقِنَا عَذَابَ النَّارِ" ([35])
- مجموعة زاد الفقه (3)الفقه 3«ربنا آتنا في الدُّنيا حسنةً، وفي الآخرةِ حسنةً، وقنا عذابَ النارِ»
- من الأحكام الفقهية في الطهارة والصلاة والجنائز«رَبَّنَا آتِنَا فِي الدُّنْيَا حَسَنَةً، وَفِي الْآخِرَةِ حَسَنَةً، وَقِنَا عَذَابَ النَّارِ» [92]؛