Skip to content

guyyaa qiyaamaa magantaa kootiin irra milkaa'aan namaa, nama onnee isaa irraa, yookaan lubbuu isaa irraa qulqulleessee "Laa ilaaha illallaah" jedhe''.

Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isarraa haa jaallatu- ni jedhe:

Yaa Ergamaa Rabbii! guyyaa qiyaamaa magantaa keetiin irra milkaa'aan namaa eenyu jedhame? Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Yaa Abaa hurayraa hoo! bolollii ati hadiisaaf qabdu waanan argeef jecha eenyunuu si dursee hadiisa kana irraa akka na hin gaafanne dhugaan yaadeen ture, guyyaa qiyaamaa magantaa kootiin irra milkaa'aan namaa, nama onnee isaa irraa, yookaan lubbuu isaa irraa qulqulleessee "Laa ilaaha illallaah" jedhe''.

قيل يا رسول الله من أسعد الناس بشفاعتك يوم القيامة؟ قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: «لقد ظننت يا أبا هريرة ألا يسألني عن هذا الحديث أحد أول منك لما رأيت من حرصك على الحديث، أسعد الناس بشفاعتي يوم القيامة، من قال لا إله إلا الله، خالصًا من قلبه أو نفسه».

Bukhaariitu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa qiyaamaa dhugumatti irra milkaa'aan namaa nama onnee isaa irraa qulqulleessee ''Laa ilaaha illallaah" jedhe, akka ta'e himan, akkas jechuun haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru jechuudha, akkasumas shirkii fi namni na haa arguu irraa qulqulluu ta'uudha.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-Aakhiratti magantaa akka dhaabbattanuu fi isiin immoo worra Rabbiin tokkichoomsaniif malee nama biraatiif akka hin taane raggaasisuudha.

Magantaan isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isiin isaan gara Rabbiitti magantaa dhaabbachuudha worrra Rabbiiin tokkichoomsan irraa nama ibidda haqa godhateef akka isii hin seenneef, namni isii seene immoo akka isii keessaa ba'uuf.

Sadarkaa jechi tawhiidaa Rabbii ol ta'eef qulqulluu taate qabduu fi guddina bu'aa isiiti.

Jecha tawhiidaa mirkaneessuun hiikkaa isii baruu fi akeeka isiitti hojjachuudha.

Sadarkaa Abuu hurayraan -Rabbi isa irraa haa jaallatu- qabuu fi bolollii beekumsaaf qabuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 31) (99).

Dabalata (4)

منار القاري شرح مختصر صحيح البخاري.

لحمزة محمد قاسم (1/ 197).

القول المفيد على كتاب التوحيد.

لابن عثيمين (1/ 343).