«Gidduu azaana lameenii hundatti salaataatu jira, gidduu azaana lameenii hundatti salaataatu jira», eegasii sadaffaa irratti akkas jedhani: «nNama fedheefi».
Abdullaah ibnu Mughaffal irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Gidduu azaana lameenii hundatti salaataatu jira, gidduu azaana lameenii hundatti salaataatu jira», eegasii sadaffaa irratti akkas jedhani: «nNama fedheefi».
«بَيْنَ كُلِّ أَذَانَيْنِ صَلَاةٌ، بَيْنَ كُلِّ أَذَانَيْنِ صَلَاةٌ» ثُمَّ قَالَ فِي الثَّالِثَةِ: «لِمَنْ شَاءَ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hunda azaanaa fi iqaamaa gidduutti salaanni sunnaa akka jiru ibsani, sana yeroo sadi irra deebi'ani, sadaffaa irratti sun nama salaatuu fedheef jaallatamaa akka ta'e himani.
Azaanaa fi iqaamaa gidduutti salaatuun jaallatamaa ta'uu isaa.
Jecha irra deddeebi'uu keessatti karaa nabiyyii agarsiisa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, sun immoo dhageessisuu fi barbaachisummaa waan dubbatanuu gadi jabeessuuf jecha.
Azaana lameen jechuun kan itti fedhame: Azaanaa fi iqaamaadha, azaana lama jedhee kan waameef tokko irra caalchisuuni, (aduu fi ji'aan) ji'a lameen akka jedhamutti, akkasumas (Abuu Bakirii fi Umariin) Umar lameen akkuma jedhamutti.
Azaanni yeroon salaataa seenuu beeksisuudha, iqaamaan immoo hojiin salaataa ga'uu beeksisuudha.
Sahiiha Bukhaarii (1/ 128) (627).
Sahiiha Muslim (1/ 573) (838).
Dabalata (2)
البحر المحيط الثجاج في شرح صحيح الإمام مسلم بن الحجاج (16/ 671).
النهاية في غريب الحديث والأثر (31).
Cited in books
3 BooksDabalata (3)
- المختصر المفيد للمؤذن والإمام والخطيب وأحكام المساجد«بَيْنَ كُلِّ أَذَانَيْنِ صَلَاةٌ، بَيْنَ كُلِّ أَذَانَيْنِ صَلَاةٌ»، ثُمَّ قَالَ فِي الثَّالِثَةِ: «لِمَنْ شَاءَ»
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 5«بَيْنَ كُلِّ أذانَيْنِ صَلاةٌ».
- مجموعة زاد الفقه (2)الفقه للمستوى الثاني ( مجموعة زاد )«بين كل أذانين صلاة، بين كل أذانين صلاة، وقال في الثالثة: لمن شاء».