Skip to content

“Yaa Bilaal, slaata dhaabi, salaataan hafuura nu baafachiisi".

Saalim bin Abii Al-Ja'ad irraa odeeffamee, akkana jedhe: Namichi tokko akkana jedhe: osoon salaatee boqonnaa argadhee, akka waan namoonni waan kana isa irratti ceem'aniiti, ni jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas kan jedhuun dhaga'e.

“Yaa Bilaal, slaata dhaabi, salaataan hafuura nu baafachiisi".

«يا بلالُ، أقِمِ الصَّلاةَ، أرِحْنا بها».

Abuu Daawuudtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Namichi sahaabaa tokko akkana jedhe: Osoon salaatee boqonnaa argadhee natti tola, akka waan warri naannoo isaa jiran isa komataniiti, ni jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhu dhaga'e: Yaa Bilaal! Akka salaatan boqannu Azaanii iqaamas godhi; Kunis Rabbi waliin maqachuu fi lubbuu fi qalbiidhaaf boqonnaa waan of keessaa qabuuf jecha.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Qalbiin boqonnaa argachuun salaataan argama; Sababni isaas, Rabbi waliin maqachuu waan of keessaa qabuuf jecha.

Warra ibaadaan itti ulfaatu balaaleffachuudha.

Namni dirqama isa irra jiru raawwatee, itti gaafatamummaa isaa bahe, boqonnaa fi miira tasgabbii argata.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (7/ 338) (4985).

Dabalata (4)

الكاشف عن حقائق السُّنن (4/1217).

عون المعبود وحاشية ابن القيم (13/ 225).

مرقاة المفاتيح (3/939).

شرح سنن أبي داود للعباد (567/ 6).