Skip to content

«Namni urjiiwwan irraa beekumsa wohii fudhate falfala irraa damee tokko fudhateera, hanga dabaleen ni dabala».

Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Namni urjiiwwan irraa beekumsa wohii fudhate falfala irraa damee tokko fudhateera, hanga dabaleen ni dabala».

«من اقتبَسَ علْمًا مِنَ النُّجُومِ اقْتبَسَ شُعبَة مِن السِّحرِ، زادَ ما زادَ».

Abuu Daawuud, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni baratee beekumsa urjiiwwanii fi seensa isii fudhatee, sochii isii, seensa isiitii fi ba'iinsa isiitiin, taatee dachii irratti ta'u du'a ebeluu yookaan jireenya ebeluu yookaan dhukubba isaatii fi waan sana fakkaatu waan fuulduratti argamu irratti akka ragaatti dhiheeffate, dhugaatti falfala irraa qooda wohii akka barate ibsani, ilmi namaa hanguma beekumsa kana heddummeesseen falfalas heddummeesseera.

Hiika jechchootaa

من اقتبسَ: من تعلّم.

شعبة: طائفة وقطعة.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

urjiiwwaniin raaguun haraama ta'uu isaa, inni haalota urjii irratti hundaa'uun waan fuulduratti dhufu irraa dubbachuudha; beekumsa fagoo himachuu irraa waan ta'eef inni haraama.

urjiin raaguun haraama ta'e gosa falfalaa tawhiida falleessu irraati, faallaa kanaatti immoo kallattiiwwan baruuf yookaan qiblaa baruuf yookaan yeroon yookaan baatiwwan seenuu baruuf jecha urjiiwwan ilaaluun eeyyamamaadha.

hanguma urjiin raaguu barachuu dabaluun dameewwan falfalaa irraa barchuus dabala.

urjiiwwaniif bu'aawwan sadi'i kan Rabbiin Qur'aana isaa keessatti dubbateetu jira: samiidhaaf faaya, mallattoowwan ittiin kallattii qajeelfatani, shayxaanaaf immoo furguuggeedha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (6/ 50) (3905).

Sunana Ibnu Maajaa (4/ 670) (3726).

Musnada Ahmad (3/ 454) (2000).

Dabalata (4)

الجديد في شرح كتاب التوحيد.

للقرعاوي (ص230).

الملخص في شرح كتاب التوحيد.

للفوزان (ص206).