Skip to content

"Warra du'an hin arrabsinaa, isaan gara waan dabarsaniitti (hojii isaaniitti) deemaniiru".

Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

"Warra du'an hin arrabsinaa, isaan gara waan dabarsaniitti (hojii isaaniitti) deemaniiru".

«لَا تَسُبُّوا الْأَمْوَاتَ، فَإِنَّهُمْ قَدْ أَفْضَوْا إِلَى مَا قَدَّمُوا».

Bukhaariitu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- warra du'an arrabsuu fi kabajaa isaanii tuquun haraama ta'uu ibsan, akkasumas haalli kun haalowwan badoo irraa ta'uudha ibsan, hojiilee kheyrii irraa yookaan hojiilee hamtuu irraa isaan (warri du'an) gara waan dabarfatanitti waan gayaniif jecha, arrabni kunis warra lubbuun jiran azaa godha malee warra du'anitti hin gayu.

Hiika jechchootaa

أفضوا إلى ما قدموا : صاروا إلى ما قدموا من أعمالهم.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Hadiisichi warra du'an arrabsuun haraama ta'uu isaatiif ragaadha.

Warra du'an arrabsuu dhiisuu keessa bu'aa warra lubbuun jiranuu eeguutu jira, akkasumas wal madeessuu fi wal jibbuu irraa nageenya hawaasaa eeguutu hadiisicha keessa jira.

Sababni isaan arrabsuun dhoorgameef waan isaan gara waan dabarsaniitti gahanii jiranuufi, isaan arrabsuun homaa hin fayyadu, garuu isaan arrabsuu kana keessa firoota isaanii kan lubbuun jiran azaa godhuutu jira.

Ilmi namaatiif waan bu'aan keessa hin jirre jechuun hin barbaachisu.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (2/ 104) (1393).

Dabalata (6)

فتح ذي الجلال والاكرام بشرح بلوغ المرام.

لابن عثيمين (2/ 631).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (4/ 385).

توضيح الأحكام من بلوغ المرام.

للبسام (3/ 277).