Skip to content

"Rabbiin biratti akkaan irra jibbamaan namootaa nama falmii gogaa falmuudha".

Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

"Rabbiin biratti akkaan irra jibbamaan namootaa nama falmii gogaa falmuudha".

«إِنَّ أَبْغَضَ الرِّجَالِ إِلَى اللهِ الْأَلَدُّ الْخَصِمُ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e namoota irraa nama falmii jabeessuu fi heddummeessu kan haqa jala butamuu hin qeeballe, falmii isaatiin haqa deebisuu kan yaalu, yookaan haquumaan kan falamu garuu falmii kessatti daangaa darbuun giddu galeessummaa keessaa of baasa, akkasumas beekumsaan maletti kan falamu akka jibbu himani.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Namni miidhame karaa iyyannoo shari'aatiin haqa isaa barbaaduun gosoota falmii jibbamaa keessa hin ssenuudha.

Falmii fi wol mormiin balaa arrabaa tan adda faca'uu fi muslimoota gidduutti dugda wolitti galuuf sababbaa taatu keessa tokkoodha.

Falmiin yoo haqa keessattti taatee fi karaa isii bareedaan yoo taate faarfamtuudha, haqa deebisuu fi badii raggaasisuuf yoo taate yookaan ragaan malee yoo taate immoo jibbamtuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (3/ 131) (2457).

Sahiiha Muslim (4/ 2054) (2668).

Dabalata (8)

توضيح الأحكام من بلوغ المرام.

للبسام (7/ 476).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (10/ 308).

فتح ذي الجلال والإكرام.

لابن عثيمين (6/ 416).

سبل السلام بشرح بلوغ المرام.

للصنعاني (2/ 685).