Skip to content

«Qabriiwwan irra hin taa'inaa, isiitti gara galtaniis hin salaatinaa».

Abuu Marsad Al-Ganawii irraa akka gabaafametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Qabriiwwan irra hin taa'inaa, isiitti gara galtaniis hin salaatinaa».

«لَا تَجْلِسُوا عَلَى الْقُبُورِ، وَلَا تُصَلُّوا إِلَيْهَا».

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabriiwwan irra taa'uu irraa dhoorgani. akkuma qabriiwwanitti garagalanii salaatuu irraa dhoorganitti, qabriin kallattii qiblaa nama salaatuutiin haala ta'een; sun karaa shirkiitti qaqqabsiisu waan ta'eef jecha.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Akkuma sunnaan ragga'etti salaata janaazaa malee qabriiwwan keessatti yookaan isii gidduutti yookaan kallattii isiitti salaatuun dhoorgaa ta'uu isaa.

Qabriiwwanitti garagalanii salaatuun kan dhoorgameef karaa shirkiitti geessu cufuuf jecha.

Islaamummaan qabrii keessatti daangaa darbuu fi isa xiqqeessuu irra dhoorge, daangaa darbuunis laaffisuunis hin jiru.

Kabajaan muslimaa booda du'a isaatiis akka jiruudha, ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- (lafee du'aa cabsuun fayyaa isaa akka cabsuuti) waan jedhaniifi.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (2/ 668) (972).

Dabalata (6)

توضيح الأحكام مِن بلوغ المرام.

لعبد الله البسام (2/ 30).

فتح ذي الجلال والإكرام شرح بلوغ المرام.

لمحمد العثيمين (1/ 522).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (4/ 285).