Skip to content

:Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee osoo kadhatuu du'e ibidda seena

Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu akkana jedhe:

Ergamaan Rabbiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jecha tokko jedhan, anis kan biraatiin jedhe, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ":Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee osoo kadhatuu du'e ibidda seena". Anis nin jedhee: Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee isa hin kadhatin jannata seena.

قَالَ النَّبِيُّ صلى الله عليه وسلم كَلِمَةً وَقُلْتُ أُخْرَى، قَالَ النَّبِيُّ صلى الله عليه وسلم: «مَنْ مَاتَ وَهُوَ يَدْعُو مِنْ دُونِ اللهِ نِدًّا دَخَلَ النَّارَ» وَقُلْتُ أَنَا: مَنْ مَاتَ وَهُوَ لَا يَدْعُو لِلهِ نِدًّا دَخَلَ الْجَنَّةَ.

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni waan Rabbiif ta’uu qabu waan biraatiif godhe, sun akka waan biraa Rabbiin alatti kadhachuu, yookaan Rabbiin alatti waan biraa irraa dirmachuu barbaaduuti, ergasii sana irratti kan du’e, inni warra Ibidda irraa akka ta'u himan. Ibnu Mas'uud -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- itti dabaluudhaan, namni waa tokko osoo Rabbitti hin dabalin du’e, hireen isaa Jannata ta’a jedhe.

Hiika jechchootaa

يدعو: يشمل نوعي الدعاء وهما: دعاء العبادة ودعاء المسألة.

ندًّا: الند: هو الشبيه والنظير في الألوهية أو الربوبية أو الأسماء والصفات.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Kadhannaan/du'aa'in ibaadaa waan ta'eef Rabbiif qofa malee kan biraatif akka hin laatamneedha.

Sadarkaa tawhiidni qabuu fi dhugamatti namni isa irratti du'e garii badiiwwan isaa irrattillee osoo adabamee jannata seenuun isaa hin hafuudha.

Hammeenya Rabbitti qindeessuun qabuu fi dhugumatti namni shirkirratti du'e ibidda galaadha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (6/ 23) (4497).

Sahiiha Muslim (1/ 94) (92).

Dabalata (10)

فتح المجيد شرح كتاب التوحيد.

لعبد الرحمن التميمي (ص76).

القول المفيد على كتاب التوحيد.

لابن عثيمين (1/ 120).

الملخص في شرح كتاب التوحيد.

لصالح الفوزان (ص47).

الجديد في شرح كتاب التوحيد.

لمحمد القرعاوي (ص59).

التمهيد لشرح كتاب التوحيد.

لصالح آل الشيخ (ص42).