"Ibiddi fedhiiwwaniin haguugamte, jannanni immoo waan jibbamaan haguugamte".
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Ibiddi fedhiiwwaniin haguugamte, jannanni immoo waan jibbamaan haguugamte".
«حُجِبَتِ النَّارُ بِالشَّهَوَاتِ، وَحُجِبَتِ الْجَنَّةُ بِالْمَكَارِهِ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ibiddi haraama hojjachuu irraa yookaan dirqama keessatti hirdhisuu irraa wantoota lubbuun feetuun haguugamtee marfamtee akka jirtu ifa galchan. Namni sana keessatti lubbuu isaa fedhii isii hordofsiise ibidda haqa godhate. Jannanni wantoota lubbuun jibbituun haguugamtee marfamtee jirti, sun akka wantootii itti ajajaman irratti ragga'uu, wantootii haraama ta'an dhisuu fi isa irratti obsuudhaati, yoo isii weeraree sana irratti lubbuu ofiitti qabsaa'e jannata seenuu haqa godhate.
حُجبت: حُفت وأُحيطت.
Sabaabaawwan fedhiiwwan keessatti akka kufan nama taasisan keessaa sheyxaanni badiiwwanii fi waan fokkataa hanga lubbuun bareedaa gootee agartee gara isaatti dabdutti itti bareechuudha.
Fedhiiwwan haraama ta'an irraa fagaachuutti ajajuudha, waan isiin karaa ibiddatti geessituu taateef jecha, akkasumas waan nama jibbisiisu irratti obsuudha; waan isiin karaa jannatatti geessituu taateef jecha.
Sadarkaa lubbuu ofiitti qabsaa'anii, ibaadaa irratti tattaaffii gochuu fi waan jibbisiisuu fi ulfaatu tan kheyrii hojjatuun marsitee jirtu irratti obsuun qabuudha.
Sahiiha Bukhaarii (8/ 102) (6487).
Sahiiha Muslim (4/ 2174) (2822).
Sunana Abbaa Daawuud (7/ 122) (4744).
Sunana Tarmizii (4/ 274) (2560).
Sunana Nasaa'ii (7/ 3) (3763).
Dabalata (10)
كنوز رياض الصالحين.
لمجموعة من الباحثين (2/ 449).
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (2/ 87).
المنهاج شرح صحيح مسلم بن الحجاج.
للنووي (17/ 165).
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (1/ 183).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
لمصطفى الخِن وغيره (1/ 134).