Skip to content

«Namni baasii nikaa danda'e haa fuudhu, inni ija gadi qabaaf, akkasumas qaama saalaa eegaadha, namni hin dandeenye immoo haa soomu, inni isaaf kolaasaadha».

Abdullaa ibnu mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: nabiyyii woliin yeroo turre tokkotti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani:

«Namni baasii nikaa danda'e haa fuudhu, inni ija gadi qabaaf, akkasumas qaama saalaa eegaadha, namni hin dandeenye immoo haa soomu, inni isaaf kolaasaadha».

«مَنِ اسْتَطَاعَ البَاءَةَ فَلْيَتَزَوَّجْ، فَإِنَّهُ أَغَضُّ لِلْبَصَرِ، وَأَحْصَنُ لِلْفَرْجِ، وَمَنْ لَمْ يَسْتَطِعْ فَعَلَيْهِ بِالصَّوْمِ، فَإِنَّهُ لَهُ وِجَاءٌ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama wolqunnamtii saalaa danda'uu fi baasii nikaa danda'u fuudhatti kakaasani; fuuni haraama ilaaluu irraa ija isaa eega, akkasumas qaama saalaa isaas sagaggaalummaa keessatti akka hin kufne jabeessee eega. namni osoo wol qunnamtii saalaa danda'uu baasii nikaa hin dandeenye soomuutu isa irra jiraata, soomni fedhii qaama saalaa fi badii sanyii hormaataa ni kuta.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

xiyyeeffannoo islaamummaan karaa ittiin of eeganii fi karaa ittiin zinaa irraa bilisa ta'an akeekuu irratti godheedha.

nama baasii nikaa hin dandeenye soomatti kakaase; soomni waan fedhii dadhabsiisuuf jecha.

sooma kolaasaatti fakkeessuun; kolaasaan idda cidhaan lameenii xacca'uu waan ta'eef jecha, isaan lameen dhabamuun fedhiin wol qunnamtii saalaa dhabama, akkasuma soomanis fedhii wol qunnamtii saalaa ni dadhabsiisa.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (3/ 26) (1905).

Sahiiha Muslim (2/ 1018) (1400).

Dabalata (6)

الإلمام بشرح عمدة الأحكام للشيخ.

لإسماعيل الأنصاري (2/ 57).

تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.

لعبد الله البسام (ص565).

خلاصة الكلام شرح عمدة الأحكام.

لفيصل آل مبارك (ص281).