Skip to content

"Namni meeshaa waraanaa nurratti baase nu irraa miti".

Abuu Muusaa Al-Ash’arii irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:

"Namni meeshaa waraanaa nurratti baase nu irraa miti".

«مَنْ حَمَلَ عَلَيْنَا السِّلَاحَ فَلَيْسَ مِنَّا».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- muslimoota irratti meeshaa waraanaa baatanii sodaachisuun ykn saamuun dhoorgaa akka ta'e akeekachiisan, Namni haqaan maletti gocha akkasii raawwate yakka guddaa fi badii guddaa hojjatee, doorsisa cimaa kana haqa godhateera.

Hiika jechchootaa

من حمل علينا السلاح: المقصود به من حمل السلاح؛ لقتال المسلمين أو لإرهاربهم.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Muslimni obboleeyyan isaa Muslimaan loluu keessatti akeekkachiisa cimaa kennuudha.

Wantoota Jibbisiisoo fi malaammaltummaa guddaa lafa kanarra jiru keessaa tokko, meeshaa waraanaa Muslimoota irratti baafachuu fi badii cimaa karaa ajjeechaatin dhufuudha.

Doorsisni armaan olitti ibsame kun lola haqaa, kan akka namoota mirga namaa sarbanii, warra badii adda addaa raawwatanii fi kanneen birootin loluu hin ilaalu.

Qoosaadhaan illee haa ta'uu, Muslimoota meeshaa waraanaatiin ykn waan biraatiin sodaachisuun dhorgaa ta'uudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (9/ 49) (7071).

Sahiiha Muslim (1/ 98) (100).

Dabalata (8)

خلاصة الكلام شرح عمدة الأحكام.

لفيصل آل مبارك (ص406).

الإفهام في شرح عمدة الأحكام.

لابن باز (ص815).

الإلمام بشرح عمدة الأحكام.

لإسماعيل الأنصاري (2/ 195).

تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.

لعبد الله البسام (ص752).