Skip to content

"Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban"

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan. ​

"Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban". Akka Al-Bukhaariin gabaasetti: "ijoolleen nama guddaan salaamataa jechuudha qaba, namni karaa darbu immoo nama taa'aa jiruun salaamataa jechuudha qaba, namni muraasni nama baay'een salaamataa jechuudha qaba".

«يُسَلِّمُ الرَّاكِبُ عَلَى المَاشِي، وَالمَاشِي عَلَى القَاعِدِ، وَالقَلِيلُ عَلَى الكَثِيرِ». وَلِلبُخَارِي: «يُسَلِّمُ الصَّغِيرُ عَلَى الكَبِيرِ، وَالمَارُّ عَلَى القَاعِدِ، وَالقَلِيلُ عَلَى الكَثِيرِ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatuu- namoota gidduutti naamusa salaamataa waliin jechuu irratti qajeelfama kennan "Assalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh", Ijoolleen nama guddaan salaamataa jechuudha qaba, namni yaabbate immoo nama miilan deemu irratti salaammachuudha qaba, namni miilan deemu nama taa'aa jiru irratti salaammachuudha qaba, namoonni lakkoofsi isaanii xiqqaa ta'ees namoota lakkoofsi isaanii hedduu ta'e irratti salaammachuudha qaba.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Akkaataa hadiisicha keessatti dhufetti salaamataa waliin jechuun jaallatamaa ta'uudha, miilan namni deemu nama yaabbateen salaamataa yoo jedhe, akkasumas akkaataa hadiisicha keessatti dubbatame irraa faallaatti salaamataa waliin jechuun yoo argame ni danda'ama, garuu inni caalaa fi filatamaa miti. ​

Akkaataa hadiisicha keessatti tuqameen salaamataa facaasuun wantoota wal jaallachuu fi walitta dhiheenyaf sababaa ta'an irraayi.

Wantoota dubbataman keessatti yoo wal qixa ta'an, irra caalan isaanii nama salaamataan dura eegaleedha.

Wantoota namoonni barbaadan hunda keessatti shari'aan islaamaa guutuu ta'uudha.

Naamusa salaamataa waliin jechuu barsiisuu fi abbaa haqaa hundaaf haqa isaa kennuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (8/ 52) (6232).

Sahiiha Muslim (4/ 1703) (2160).

Dabalata (11)

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (11/ 280).

بهجة الناظرين.

تأليف: سليم الهلالي (2/ 137).

نزهة المتقين.

مجموعة من الباحثين (1/ 666).

شرح رياض الصالحين.

لابن عثيمين (4/ 407).

منار القاري.

لحمزة قاسم (5/ 257).

الأدب النبوي (ص159).