«Namni tokkos salaama na irratti hin buusu, Rabbiin ruuhii natti deebisee salaama itti deebisu malee hin hafu».
Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Namni tokkos salaama na irratti hin buusu, Rabbiin ruuhii natti deebisee salaama itti deebisu malee hin hafu».
«ما مِنْ أحَدٍ يُسلِّمُ علي إلا ردَّ اللهُ عليَّ رُوحي حتى أردَّ عليه السَّلامَ».
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- nama isaan irratti salaammate hundaaf dhiyoos ta’ee fagoo salaama akka deebisaniif ruuhiin isaanii isaanitti akka deebi'u himan, Jireenyi barzakhii fi qabrii keessaa dhimma hin mul’anne, dhugaa dhimma kanaa kan beeku Rabbiin qofa, inni waan hundaa irratti dandeettii qaba.
Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- nagaa fi salawaata buusuu baay'isuu irratti kakaasuudha.
Jireenyi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- qabrii isaanii keessatti jiraatan irra guutuu jireenya ilmi namaa barzakha isaa keessa jiraatuutiidha, Rabbii ol ta'e malee namni dhugaa isaa beeku hin jiru.
Hadiisni kun warra Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jireenya akka nuti jiraannuu jiraatan jedhaniif ragaa tahuu hin danda'u, akka mushrikoonni akka ragaatti itti fayyadamanii gargaarsa isaan irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hin barbaanneef jecha, jiruun isaanii kunis jiruu barzakhaa akka ta'e beekuun barbaachisaadha.
Sunana Abbaa Daawuud (3/ 384) (2041).
Musnada Ahmad (16/ 477) (10815).
Dabalata (6)
بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.
لسليم الهلالي (2/ 486).
شرح رياض الصالحين.
لابن عثيمين (5/ 477).
نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.
لمجموعة من الباحثين (2/ 964).
Cited in books
6 BooksDabalata (6)
- التحقيق والإيضاح لكثير من مسائل الحج والعمرة والزيارة على ضوء الكتاب والسنةالتحقيق والإيضاح لكثير من مسائل الحج والعمرة والزيارة - النسخة المعتمدة«مَا مِنْ أَحَدٍ يُسَلِّمُ عَلَيَّ إِلَّا رَدَّ اللهُ عَلَيَّ رُوحِي حَتَّى أَرُدَّ عَلَيْهِ السَّلَامَ» [114].
- التحقيق والإيضاح لكثير من مسائل الحج والعمرة والزيارة على ضوء الكتاب والسنةالتحقيق والإيضاح لكثير من مسائل الحج والعمرة والزيارة - النسخة المعتمدة«مَا مِنْ أَحَدٍ يُسَلِّمُ عَلَيَّ إِلَّا رَدَّ اللهُ عَلَيَّ رُوحِي حَتَّى أَرُدَّ عَلَيْهِ السَّلَامَ» [122]
- الذكر والدعاء والعلاج بالرقي من الكتاب والسنة"ما من أحد يُسلمُ عليَّ إلا رد الله علي روحي حتى أرد عليه السلام".
- حصن المسلم من أذكار الكتاب والسنةحصن المسلم«مَا مِنْ أَحَدٍ يُسَلِّمُ عَلَيَّ إِلَّا رَدَّ اللَّهُ عَلَيَّ رُوحِيَ حَتَّى أَرُدَّ عَلَيْهِ السَّلَامَ»[269].
- رسالة في الأذكار1«مَا مِنْ أَحَدٍ يُسَلِّمُ عَلَيَّ إِلَّا رَدَّ اللهُ عَلَيَّ رُوحِي حَتَّى أَرُدَّ عَلَيْهِ السَّلَامَ».
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 7«ما مِن أحدٍ يُسلِّم عليَّ إلَّا ردَّ اللهُ عليَّ رُوحي حَتَّىٰ أرُدَّ عليه السلام».