Skip to content

“Mee odeessaa! balbala tokkoo keessanitti lagni guyyatti yeroo shan itti dhiqatu osoo jiraatee, mee maal jetta sun xurii isaa irraa homaa ni hanbisaa?

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatuu- inni Ergamaa Rabbii -nagaa rahmanni isaan irratti haa jiraatu- kan akkana jedhu dhagahe:

“Mee odeessaa! balbala tokkoo keessanitti lagni guyyatti yeroo shan itti dhiqatu osoo jiraatee, mee maal jetta sun xurii isaa irraa homaa ni hanbisaa?" ni jedhan (sahaabonni): sun xurii isaa irraa homaa hin hanbisu, isaanis ni jedhan: "sun fakkeenya salaata shananiti, Rabbiin isaani diliiwwan haqa".

«أَرَأَيْتُمْ لَوْ أَنَّ نَهَرًا بِبَابِ أَحَدِكُمْ يَغْتَسِلُ فِيهِ كُلَّ يَوْمٍ خَمْسًا، مَا تَقُولُ ذَلِكَ يُبْقِي مِنْ دَرَنِهِ؟» قَالُوا: لَا يُبْقِي مِنْ دَرَنِهِ شَيْئًا، قَالَ: «فَذَلِكَ مِثْلُ الصَّلَوَاتِ الخَمْسِ، يَمْحُو اللَّهُ بِهِ الخَطَايَا».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- salaata shanan guyyaa fi halkan keessatti salaataman isaan diliiwwan xixiqqoo nama irraa harcaasuu keessatti laga balbala nama tokkotti jiru kan guyyatti yeroo shan irraa dhiqatutti fakkeessan, dilii isaa irraa homaa hin hafu.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Tolli kun diliiwwan xixiqqoo ta'an haquu qofaafi, diliiwwan gurguddoo immoo irraa towbachuun dirqama.

Sadarkaa salaata shanan ulaagaalee isii, ruknoowwan isii, dirqamoowwan isiiti fi sunnoowwan isii eeggatanii raawwachuun qabuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 112) (528).

Sahiiha Muslim (1/ 462) (667).

(1/ 282).

Dabalata (7)

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

مجموعة من الباحثين (2/ 773).

تطريز رياض الصالحين.

لفيصل آل مبارك (ص610).

المعجم الوسيط.

النهاية في غريب الحديث والأثر.

لابن الأثير (2/ 115).