Skip to content

Isaan lamaan kun adabamaaru, adabamuun isaanii waan guddaafii miti, tokkoon isaanii fincaan kan ofirraa hin qulqulleessine ta'e, inni kuun immoo gidduu namootatti kan namiimaan (walitti mufannaa namoota giddutti argamsiisuuf jecha haasaa tokko irraa gara kaanii geessuun) deemu ta'e

Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe:

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabrii wahii lama bira dabranii, akkana jedhan: “Isaan lamaan kun adabamaaru, adabamuun isaanii waan guddaafii miti, tokkoon isaanii fincaan kan ofirraa hin qulqulleessine ta'e, inni kuun immoo gidduu namootatti kan namiimaan (walitti mufannaa namoota giddutti argamsiisuuf jecha haasaa tokko irraa gara kaanii geessuun) deemu ta'e" eegasii muka jiidhaa wahii fuudhanii isa bakka lamatti qoodanii, hunda qabrii irra tokko gadi dhaaban, ni jedhan (sahaabonni): " yaa ergamaa Rabbii maalif kana hojjatte?, isaanis ni jedhan: “waan mukni lameen kun hin goggoginiin Rabbiin isaan lameen irraa adabbii salphisuudhan kajeela".

مَرَّ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ بِقَبْرَيْنِ، فَقَالَ: «إِنَّهُمَا لَيُعَذَّبَانِ، وَمَا يُعَذَّبَانِ فِي كَبِيرٍ، أَمَّا أَحَدُهُمَا فَكَانَ لاَ يَسْتَتِرُ مِنَ البَوْلِ، وَأَمَّا الآخَرُ فَكَانَ يَمْشِي بِالنَّمِيمَةِ» ثُمَّ أَخَذَ جَرِيدَةً رَطْبَةً، فَشَقَّهَا نِصْفَيْنِ، فَغَرَزَ فِي كُلِّ قَبْرٍ وَاحِدَةً، قَالُوا: يَا رَسُولَ اللَّهِ، لِمَ فَعَلْتَ هَذَا؟ قَالَ: «لَعَلَّهُ يُخَفِّفُ عَنْهُمَا مَا لَمْ يَيْبَسَا».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabrii lama bira dabranii akkana jedhani: Abbootiin lameen qabrii kana lameenii adabamaaru, ilaalcha keessan keessatti waan guddaaf adabamaa hin jiranu, Rabbiin biratti guddaa haa ta'uu malee, Tokkoon isaanii yeroo mana fincaanii seene fincaan irraa qaama isaatii fi uffata isaa eeggachuuf dhimma kan hin qabne ta'e, Inni kuun immoo namoota gidduutti namiimaan kan deemu ta'e, isaan gidduutti rakkina uumuf jecha haasaa isa kanaa fuudhee isa kaan bira geessa.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Namiimaa fi fincaan irraa of qulqulleessuu dhabuun diliiwwan gurguddoo fi adabbii qabriitif waan sababaa namatti ta'an irraayi.

Rabbiin -qulqullaa'e- garii wantoota nama irraa fagoo ta'an -kan akka adabbii qabrii- mallattoo nabiyyummaa isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muldhisuuf jecha irraa saaqa.

Gochi muka bakka lamatti qoodanii qabrii irra kaayuu kun Nabiyyii qofaafi -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-; sababni isaas waan Rabbiin haala abbootii qabrii lameenii isaan agarsiiseef jecha, haala warra qabrii namni beeku waan hin jirreef namni biroo akka isaanii ta'uu hin danda'u.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 53) (218).

Sahiiha Muslim (1/ 240) (292).

Dabalata (6)

تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.

لعبد الله البسام (ص43).

خلاصة الكلام شرح عمدة الأحكام.

لفيصل آل مبارك (ص22).

الإلمام بشرح عمدة الأحكام.

لإسماعيل الأنصاري (1/ 29).