"Dhiqannaan guyyaa jimaataa nama baallaghe hunda irratti dirqama, akkasumas ilkaan isaa rigachuu fi yoo argate shittoo dibachuunis".
Amri bin Suleem Al-ansarii irraa odeeffame, akkana jedhe: Ani Abuu Sa’iid akkana jechuu irratti ragaa nan ba’a: Ergamaa Rabbii nagaa fi rahamnni irra haa jiraatuu akkana jechuu irratti ragaa nan ba’a:
"Dhiqannaan guyyaa jimaataa nama baallaghe hunda irratti dirqama, akkasumas ilkaan isaa rigachuu fi yoo argate shittoo dibachuunis".
«الغُسْلُ يَوْمَ الجُمُعَةِ وَاجِبٌ عَلَى كُلِّ مُحْتَلِمٍ، وَأَنْ يَسْتَنَّ، وَأَنْ يَمَسَّ طِيبًا إِنْ وَجَدَ».
Nabiyyii nagaa fi rahamanni irra haa jiraatuu, muslimtoota irraa namoota salaanni Jum'aa irratti dirqama taatu irraa muslima dhiiraa kan baallaghaa ta'e hunda irratti dhiqannaan guyyaa Jum’aa akka dirqamatti kan jabeeffamu ta'uu ifa godhaniiru, Akkasumas siwaaka fi kan kana fakkaataniin ilkaan isaa qulqulleeffachuun, Akkasumas urgooftuu/shittoo gaarii kamiyyuu dibachuun.
...:
Dhiira Musliima ta'e hundaaf guyyaa Jum’aa dhiqachuun jaalatamaa ta’uun isaa mirkanaa’eera.
Qulqullinaa fi hafuura namatti hin tolle balleessuun shari'aa keessatti nama Muslimaa tokkoof barbaachisaa ta'uudha.
Guyyaa jum'aaf ulfina kennuu fi ittis qophaa'uun barbaachisaa ta'uudha.
Jum'aaf barbaachisummaa ilkaan rigachuu jabeessuudhaba.
Salaata Jum’aatif osoo hin deemin dura urgooftuu/shittoo namatti tolu kamiyyuu dibachuun jaalatamaa ta'uudha.
Dubartiin salaataf ykn waan biraatif mana ishee keessaa yeroo bahuuf jette urgooftuu/shittoo dibachuun isheef hin hayyamamu; Sababni isaas hadiisa keessatti sun dhoorgamaa waan ta'eef jecha.
Muhtalima jechuun nama baallaghe yoo ta’u, baallaghuun ammoo mallattoolee sadii tan dhiiraa fi dubartiin waliin qooddataniin argama, isaanis: inni tokkoffaa: waggaa kudha shan guutuudha, inni lammaffaa: rifeensi naannoo qaama saalaatti biqiluudha, sadaffaan: sanyiin hormaataa abjuun dhangala'uudha, ykn abjuun osoo ta'ullee baatee fedhiin dhangala'uudha. Mallattoon afraffaa ammoo dubartii qofa ilaallata, innis: Laguudha, dubartiin laguu yeroo argite geesse jechuu dha.
Sahiiha Bukhaarii (2/ 3) (880).
Sahiiha Muslim (2/ 580) (846).
(6/ 134).
Dabalata (11)
مختار الصحاح.
لزين الدين الرازي (ص155).
شرح صحيح البخاري.
لابن بطال (2/ 468).
شرح النووي على مسلم.
توضيح الأحكام شرح بلوغ المرام.
للبسام (1/ 382).
فتح ذي الجلال والإكرام شرح بلوغ المرام.
لابن عثيمين (1/ 330).
منار القاري شرح مختصر صحيح البخاري.
لحمزة قاسم (2/ 234).
Cited in books
4 BooksDabalata (4)
- المختصر المفيد للمؤذن والإمام والخطيب وأحكام المساجد«الغُسْلُ يَوْمَ الجُمُعَةِ وَاجِبٌ عَلَى كُلِّ مُحْتَلِمٍ، وَأَنْ يَسْتَنَّ -أَيْ: يَسْتَاكُ- وَأَنْ يَمَسَّ طِيبًا إِنْ وَجَدَ»
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 6«غُسْلُ يَوْمِ الجُمُعَةِ وَاجِبٌ عَلىٰ كُلِّ مُحْتَلِمٍ».
- فضائل وآداب المسجد النبويفضائل وآداب المسجد النبوي، وأحكام زيارة قبر النبي عليه الصلاة والسلام وقبري صاحبيه«الغُسْلُ يَوْمَ الجُمُعَةِ وَاجِبٌ عَلَى كُلِّ مُحْتَلِمٍ، وَأَنْ يَسْتَنَّ، وَأَنْ يَمَسَّ طِيبًا إِنْ وَجَدَ»[7]،
- ما لا يسع أطفال المسلمين جهله«غُسْلُ يَوْمِ الجُمُعَةِ وَاجِبٌ عَلَى كُلِّ مُحْتَلِمٍ»[57].