41 : 51
وَإِذَآ أَنۡعَمۡنَا عَلَى ٱلۡإِنسَٰنِ أَعۡرَضَ وَنَـَٔا بِجَانِبِهِۦ وَإِذَا مَسَّهُ ٱلشَّرُّ فَذُو دُعَآءٍ عَرِيضٖ
Yeroo Nuti nama irratti tola oolle, (galatoomfachurraa) gara gala cinaacha isaatiin fagaata. Yeroo hamtuun isa tuqe yeruma san abbaa kadhaa hedduu ta’a.