Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

42 of 559 cards

Clear filters
«Namoota gosa sadi irraa qalamnni fuudhameera; nama rafu hanga dammaqutti, daa'ima hanga baallaghutti, maraataa hanga sammuun itti deebi'utti».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessatti, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
«Abbaa Qur'aanaatiin ni jedhama: qara'i, ol ba'i, akka duuniyaa irratti qara'aa turte sanatti qara'i, qubsumni kee bakka aayaa dhuma irratti isii qaraatuutti ta'a».
Hasani Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Kubraa keessattii fi Ahmadtu gabaasani
Ganama Ganama akkas jedhan ture: «Yaa Rabbi siin bariisifanne, siin galgaleefanne, siin jiraanna, siin duuna, deebiin garuma keeti» yeroo galgalaa immoo akkana jedhan: «Yaa Rabbi siin galgaleefanne, siin bariisifanne, siin jiraanna, siin duuna, deebiin garuma keeti» yeroo tokko immoo akkas jedhan: «Deebin garuma keeti».
Hasani Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'iin Al-Kubraa keessattii fi Ibnu Maajaatu gabaasan
"Siwaakiin afaaniif qulqullina, Rabbiif waan isa jaallachiisu".
Sahiiha Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasani
«Qabeenya keessaniin, lubbuu keessaniinii fi arraba keessaniin mushrikootatti duulaa».
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasan
«Du'aa'in azaanaa fi iqaamaa jidduutti hin deeffamu».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bitaa isaaniitiin hariira qabatanii, mirga isaanitiin immoo worqii qabatanii, eegasii hariiraa fi worqiin harka isaanii lameen ol qabuun, akkas jedhani: «Kun lameen dhiira ummata kootii irratti haraama, dubartoota isaaniitiif immoo halaala».
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii fi Ibnu maajaatu gabaasan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- harka isaa qabanii akkas jedhaniin: «Yaa Mu'aaz Rabbitti kakadhee ani si jaalladha», eegasii akkas jedhaniin: «Siifin Dhaama yaa Mu'aaz xumuura salaata hundatti akkas jechuu hin dhiisin: Yaa Rabbi si yaadachuu, si galateeffachuu fi akka gaariitti si gabbaruu irratti na gargaari».
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii fi Ahmadtu gabaasan