Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

35 of 559 cards

Clear filters
«Osoo isin irkannaa dhugaa, Rabbirratti irkattanii, silaa akka allaattii soorutti isin soora, garaa duwwaa (beelaan) bobbaatee garaa guuttattee (quuftee) galti».
Sahiiha Imaamu Ahmad, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu maajaa, Ibnu Hibbaan -sahiiha isaa keessatti- fi Haakimtu isa gabaasani
«namni dhageessisee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa mul'isee keennuuti, akkasumas namni sagalee gadi qabee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa gadi qabee kennuuti».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
«Rabbiin gabricha isaatti irra dhihoo kan ta'u dhuma halkan wolakkaati yeroo sanatti worra Rabbiin zakkaran irraa ta'uu yoo dandeesse ta'i».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
Namichi tokko gara nabiyyiitti dhufee -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: namicha mindaa fi maqaan isaa dubbatamuu barbaadee duule agartee, maaltu isaaf jira? ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Homaa isaaf hin jiru» yeroo sadi irra deddeebi'uun gaafate, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo sadanuu «Homaa isaaf hin jiru» jechuun deebisaniif, eegasii akkas jedhani: «Rabbiin hojii irraa waan qulqullaa'ee isa qofaaf ta'ee fi kan fuulli isaa ittiin barbaadame malee hin qeebalu».
Sahiiha Nasaa'iitu gabaase
Halkan roobaa fi dukkana cimaa qabu wahii keessa, Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra jiraatu- akka isaan nuun salaatan kan barbaannu haala taanen baane, ni jedhe: isaan nin dhaqqabe, isaanis naan jedhani: “Jedhi”, ani homaa hin jenne, eegasii ni jedhani: “Jedhi”, anis homaa hin jenne, ni jedhani: "Jedhi", anis nin jedheen: Maalin jedha? ni jedhani: «{Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi Mu'awwazateynii yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi".
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
Muslima ta’uu barbaadeen gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufee, bishaanii fi baala sidriitin akkan dhiqadhu na ajajan.
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
«Bishaan hubboo /gaawwaa lama yoo ga'e najisa/xurii hin baatu (hin Najisaahu)».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
«Namni booda salaata dirqamaa hundatti Aayatal-Kursii qara’e du’a malee wanti Jannata seenuu isa dhorgu hin jiru».
Sahiiha Nasaa'iitu Kubraa keessatti gabaase