عربي - Arabic English Qafár af - Afar Afrikaans - Afrikanns Akan Shqip - Albanian አማርኛ - Amharic Հայերեն - Armenian অসমীয়া - Assamese Azərbaycanca - Azerbaijani Bamanankan - Bambara Bassa Bemba বাংলা - Bengali Bosanski - Bosnian Български - Bulgarian မြန်မာဘာသာ - Burmese Bisaya - Cebuano Cham Нохчий - Chechen chiCheŵa - Chewa 中文 - Chinese Адыгэбзэ - Circassian Hrvatski - Croatian Česky - Czech Dagbani Dansk - Danish فارسی دری - Dari Dendi ދިވެހި ބަސް - Dhivehi Nederlands - Dutch إستوني - Estonian Suomi - Finnish Français - French Fulfulde - Fula ქართული - Georgian Deutsch - German Ελληνικά - Greek ગુજરાતી - Gujrati Kreyòl ayisyen - Haitian Creole Hausa हिन्दी - Hindi Magyar - Hungarian Igbo Indonesia - Indonesian Italiano - Italian 日本語 - Japanese Jóola - Jola ಕನ್ನಡ - Kannada Қазақша - Kazakh ភាសាខ្មែរ - Khmer Kikuyu Ikinyarwanda - Kinyarwanda Ikirundi - Kirundi 한국어 - Korean كوردی سۆرانی - kurdish كوردي kurmancî - Kurmanji Kyrgyz ລາວ - Lao latviešu - Latvian Lingala lietuvių - Lithuanian Luganda Македонски - Macedonian Maguindanaon Malagasy - Malagasy Bahasa Melayu - Malay മലയാളം - Malayalam Mandinka मराठी - Marathi Mõõré - Moore नेपाली - Nepali أنكو - NKo Norwegian ଓଡ଼ିଆ - Odia oromoo - Oromo پښتو - Pashto فارسی - Persian Polski - Polish Portuguese ਪੰਜਾਬੀ - Punjabi Română - Romanian Русский - Russian Српски - Serbian Shona සිංහල - Sinhala Slovenščina - Slovenian Soomaaliga - Somali Soninke Sesotho - Sotho Español - Spanish Kiswahili - Swahili Svenska - Swedish Tagalog Тоҷикӣ - Tajik தமிழ் - Tamil తెలుగు - Telugu ไทย - Thai ትግረኛ - Tigrinya Türkçe - Turkish Ukrainian اردو - Urdu ئۇيغۇرچە - Uyghur Ўзбек - Uzbek Việt Nam - Vietnamese Wolof Yao Yorùbá - Yoruba Zarma زولو - Zulu
559 Hadiths
Encyclopedia of Prophetic Hadiths
Categories
Grading
Narrated in
Show remaining sources
Narrator
Show all narrators (45)
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sujuuda lamaan jidduutti akkana jedhu ture: "Yaa Rabbii kiyya, naaf araarami, yaa Rabbii kiyya, naaf araarami".
Sahiiha Abuu Daawuud, Nasaa'ii, Ibnu Maajaaa fi Ahmadtu gabaasani
Namichi tokko Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhee gaafate: Yaa Ergamaa Rabbii, nuti galaana bahraa irra deemna, bishaan xiqqoo of harkatti qabanna, yoo ittiin wuduu’a raawwanne ni dheebonna, bishaan galaanatiin wuduu’a godhachuu ni dandeenyaa? Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Bishaan isaa qulqulluudha, du'aan isaas halaala».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
Nabiyyii wajjiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- imala tokko keessatti guyyaa tokko osoo deemnuu itti dhiyaadhee, akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii: Hojii jannata na galchee ibidda irraa na fageessu natti himi, Isaanis akkana jedhan: «Waan guddaa irraa na gaafatte, innis nama Rabbiin isaaf salphise irratti salphaadha, Rabbiin gabbarta, homaa isa waliin hin hirmaachiftu, Salaata raawwatta, zakaa ni kennita, Ramadaana ni soomta, Mana Rabbii hajjii ni goota». Eegasii akkana jedhan: «Ani hulaalee kheyrii irratti si qajeelchuu?: Soomni gaachana, sadaqaan akkuma bishaan ibidda dhaamsu dilii namaa dhaamsa, salaata namichaati halkan keessatti». ni jedhe: Eegasii ni qara'an: {Cinaachi isaanii bakkoolee hirriibaa irraa ni fagaatti} eddoo {Ya'amaluun}» jedhu hanga gahanitti, eegasii akkana jedhan: «Mataa dhimmichaa hundaa fi utubaa isaati fi fiixxee dalluu isaa sitti hin himuu ree?» Anis akkana jedheen: Eeyyee yaa Ergamaa Rabbii, ni jedhan: «Mataan dubbii Islaamummaadha, utubaan isaa salaata, fiixxeen dalluu isaa jihaada». Eegasii akkana jedhan: «Waan kana hundumaa walitti qabatu sitti himuu?» Anis akkana jedheen: Eeyyee yaa Nabiyyii Rabbii, Arraba isaanii qabatanii akkana jedhan: «Kana of irratti qabi» nan jedheen: Yaa Nabiyyii Rabbii, nuti Dhugumattis waan dubbannuuf jecha ni qabamnaa? Isaanis akkana jedhan: «Yaa Mu'aaz haati kee si haa dhabdu! miidhaa arraba isaanii malee namoota fuula isaaniitiin ykn funyaan isaanitiin ibidda keessatti isaan ni kuffisaa?».
Sahiiha walitti qabama karaalee isaatiin Tirmizii, Ibnu Maajaatu fi Ahmadtu gabaasan
«Balaan mu'uminaa fi mu'umintittii tuquu irraa hin hafu lubbuu isaa, ilma isaa fi qabeenya isaa keessatti isa tuquu irraa hin hafu hanga haala badiin tokko isa irra hin jirreen Rabbiin wol ga'utti».
Hasani Tirmizii fi Ahmad gabaasani
«Namni salaata zuhrii duraa fi boodatti rak’aa afur salaatuu irratti tikfate Rabbiin ibidda irratti isa haraama taasiseera».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sujuuda lameen gidduutti akkana jedhu ture: «Allaahummaghfir lii, warhamnii, wa Aafinii, wahdinii, warzuqnii».
Hasani ragaalee isaatiin Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
«Wallaahi Amantiin kun bakka halkanii fi guyyaan gahu ni gaha. Rabbiin mana dhoqqees ta'ee mana suufii Amantii kana osoo isa hin galchin hin dhiisu, jabeenya jabaatiin, ykn xiqqeenya xiqqaatatiin, Jabeenya Rabbiin Islaamummaa ittiin jabeessu fi xiqqeenya Rabbiin kufrii ittiin xiqqeessu» Tamiima Al-daariin akkana kan jedhu tahe: jecha kana ani warra kiyya keessatti dhugumatti argeera, Nama isaan irraa Islaamummaa qabate dhugumatti kheyriin, kabajaa fi jabeenyi isa mudateera, Isaan keessaa nama kaafira tahe ammoo salphinni, xiqqeenyi fi gibirri dhugumatti isa mudateera.
Sahiiha Ahmadtu gabaase
«Namni haadha manaa isaa wajjiin wal qunnamtii saalaa karaa hudduu isheetin raawwate abaaramaa dha».
Hasani Abuu Daawuud, Nasaa'iin Kubraa keessattii fi Ahmadtu gabaasan