Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

24 of 559 cards

Clear filters
"Ani hawdii irra taa'een nama isin irraa gara koo dhufu ilaala, namootni gariin anaa gaditti qabamu, anis nan jedha: yaa Rabbi (isaan) ana irraati ummata koo irraati, eegasii ni jedhamaan: waan isaan booda keetii hojjatan ni beektaa?, Rabbiinan kakadha (amantaa) isaanii irraa deebi'uu irraa boodatti hin jenne".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Anas ibnu maalik akka nuuf odeessetti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- namtichi tokko akkana jedhe: yaa nabiyyii Rabbii! kaafirri akkamitti fuula isaatiin kaafama?, nabiyyiinis ni jedhani: «Inni duuniyaa keessatti miila lameeniin isa deemsise guyyaa qiyaamaatti fuula isaatiin isa deemsisuu irratti dandeettii hin qabuu?» qatadaanis ni jedhe: guddinni Rabbii keenyaa natti haa ta'u lakki dandeettii qaba.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabrii wahii lama bira dabranii, akkana jedhan: “Isaan lamaan kun adabamaaru, adabamuun isaanii waan guddaafii miti, tokkoon isaanii fincaan kan ofirraa hin qulqulleessine ta'e, inni kuun immoo gidduu namootatti kan namiimaan (walitti mufannaa namoota giddutti argamsiisuuf jecha haasaa tokko irraa gara kaanii geessuun) deemu ta'e" eegasii muka jiidhaa wahii fuudhanii isa bakka lamatti qoodanii, hunda qabrii irra tokko gadi dhaaban, ni jedhan (sahaabonni): " yaa ergamaa Rabbii maalif kana hojjatte?, isaanis ni jedhan: “waan mukni lameen kun hin goggoginiin Rabbiin isaan lameen irraa adabbii salphisuudhan kajeela".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Guyyaa Qiyaamaa jalqaba wanti isa keessatti gidduu namootatti murtiin godhamuu dhiiga".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Hanga namni tokko qabrii nama biraa bira darbee akkana jedhutti qiyaamaan hin dhuftu: Osoon bakka isaa ta’ee natti tola".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Guyyaa Qiyaamaa, mu’uminni Rabbii isatti ni dhiheeffama, hanga Rabbiin ol ta'e girdoo isaa irra kaa'ee, badii isaa ofiif akka ofirratti raggaasisu isa taasisa, akkas jedhaan: kana beektaa? eeyyen Rabbii koo nan beeka, Rabbiinis akkana jedha: Addunyaa keessatti isa siif dhoksee jira, har'a ammoo ani isa siif dhiisa, sana Galmeen hojii gaarii isaa ni kennamaaf, kaafiroota fi munaafiqoonni ammoo, mataa uumama hundaa irratti, “warra Rabbi irratti soban” jechuun ni waamamu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Ibiddi keessan ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokkicha", ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii isiinuu geessuu kan taate turtee mitii. isaanis: "(ibiddi jahannam ibidda lafaa irra harka jahaatamii sagaliin caalchifamtee jirti, hundi isiituu akka gubaa ibidda lafa irraati".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namtichi tokko qiyaamaa irraa akkas jechuun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-qiyaamaan yoomi? nabiyyiinis ni jedhani: «maal qopheessiteef». homaa jedhe, haa ta'u malee ani Rabbii fi ergamaa isaan jaalladha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, ergamaanis akkas jedhani: «ati nama jaallattee woliini». anasis akka jedhe: akka jecha nabiyyii -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «ati nama jaallattee woliini» jedhuun gammannetti woma tokkoon gammannee hin beeknu, anas eegasii akkas jedhe: anis nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- abuu bakirii fi umar nan jaalladha, jaalalan isaan jaalladheen isaan woliin ta'uu hawwa, yoon hojiiwwan akka isaanii hojjachuu dhabellee.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan