Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

47 of 559 cards

Clear filters
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedheetiin gaafadhe: Rabbiin biratti dilii kamiitu irra guddaadha? isaanis akkana jedhan: “Osoo inni si uumee jiruu, Rabbiif fakkaataa gochuudha” anis nan jedhe: sun waan guddaadha. ammas nan jedhe: Eegasii hoo? Isaanis ni jedhan: “Ilma kee si waliin nyaachuu sodaaf jecha ajjeesuudha", nan jedhe: eegasii hoo? Isaanis ni jedhan: “haadha manaa ollaa keetitti sagaagalummaa raawwachuudha”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Mana saree fi suuraan keessa jiru malaa'ikaan hin seentu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Rabbiin ol ta'e worra jannataatiin ni jedha: yaa worra jannataa? Rabbii keenya siif owwaanne si gammachiifne jedhu, Rabbiinis ni jedha: jaallatanii? isaanis ni jedhu: akkamitti jaallachuu dhabna atoo waan uumama kee tokkof hin kennine dhugaatti nuuf kennitee hoo? Rabbiinis ni jedha: ani waan sana caalun isinif keenna, isaanis ni jedhani: yaa Rabbi, maaltu sana caala? Rabbiinis ni jedha: jaalala koon isinitti uffisa booda isaatii yoomuu isinitti hin dallanu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Itti dhihaadhaa karaa sirrii hordofaa, Isin irraa namni tokkolleen hojii isaatiin akka nagaa hin baane beekaa» sahaabonni akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii atis moo? isaanis akkas jechuun deebisan: Anas ta'u, yoo Rabbiin rahmataa fi tola isaatiin na haguuge malee».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nin jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu".
Sahiiha Muslimtu gabaase
''Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa".
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Rabbiin ol ta'e guyyaa qiyaamaa irra laafaa adabamaa worra ibiddaatiin ni jedha: osoo wonti dachii keessatti argamu hundi kan kee ta'ee isaan of ni bittaa? eeyyeen jedha, Rabbiinis ni jedhaan: yeroo ati dugda Aadam turtetti waan kana irra laafaan sirraa barbaadee ture: innis homaa akka anatti hin qindeessine ture, ati garuu anatti qindeessuu malee ni didde».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan