Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

108 of 559 cards

Clear filters

Narrator

Show all narrators (50)
Garii imala isaanii keessatti Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waliin turee, akkana jedhe: namootaa bakka bultuma isaanii jiranuu ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun ergamaa wohii ergani: «Morma gaalaa kamuu irratti fannoo hidhaa xiyyaa irraa ta'e yookaan fannoon kamuu kutamu malee akka hin hafne».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Yaa Ergamaa Rabbiin jedhe: Ibnu juda'aan jaahiliyyummaa keessatti kan firooma fufuu (maxxanfatuu) fi rakkataa nyaachisu ta'e, wanti sun isa ni fayyadaa?, isaanis ni jedhan: "isa hin fayyadu, inni guyyuma tokkollee yaa Rabbii koo guyyaa mindaa sanatti badiiwwan koo naaf dhiisi hin jenne".
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii ol ta'e irraa odeessaniin keessatti Rabbiin akkas jedhe: "Yaa gabroottan koo ani lubbuu koo irratti miidhaa haraama taasiseen jira, gidduu keessanittis isa haraama taasiseen jira, wal hin miidhinaa, yaa gabroottan koo! hundi keessanuu jaallataadha nama ani isa qajeelche malee, qajeeluma narra barbaadaa isinin qajeelchaa, yaa gabroottan koo! nama ani nyaachise malee hundumti keessanuu beela'aadha, nyaachisa narra barbaadaa isinini nyaachisaatii, yaa gabroottan koo! hundumtu keessanuu qullaadha nama ani offise malee, uffisa narra barbaadaa isinin uffisaatii, yaa gabroottan koo! isiin halkanii fi guyyaa keesatti ni dogongortani ani immoo badii hundan dhiisa waan ta'eef dhiifama narra barbaadaa isiniifan dhiisaatii, yaa gabroottan koo! isin na miidhuutti geessanii na miidhuu hin dandeessanu, akkasumas na fayyaduutti geessanii na fayyaduu hin dandeessanu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan hundi haala qalbii nama isin keessaa irra Rabbiin sodaataa ta'ee irratti ta'anii sun aangoo kiyya irratti homaa hin dabalu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan hundi haala qalbii nama isin keessaa irra cubbamaa ta'ee irratti ta'anii sun aangoo kiyya irraa homaa hin hir'isu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan dirree tokko irra dhaabatanii na gaafatanii jennaan nama hundaafuu waan gaaffii isaa isaaf kennee sun waan na bira jiru irraa hanga lilmeen bahra yeroo buute hir'istu malee homaa hin hir'isu, yaa gabroottan koo! isiin tun hojiidhuma keessan qofa isiidhuman isiniif lakkaa'aa, eegasii isiidhuman mindaa isiniif galcha, kanaafuu namni toltuu arge Rabbiin haa galatoomfatu, waan sanaan alaa namni arge lubbuu isaa malee hin komatin)
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Muslimni qabrii keessatti yeroo gaafatame, Rabbiin malee gabbaramaan haqaa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba’a», Kun jecha Rabbiiti: {Rabbiin warra amanan jecha jabaadhaan jireenya duuniyaa fi aakhiraa keessatti raggaasisa} [suuraa Ibraahim: 27].
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, namichi kan argatu woma niyyate qofa, namni godaaansi isaa gama Rabbiitii fi Ergamaa Isaatti ta'e, godaansi isaa gamuma Rabbiitii fi Ergamaa Isaati, namni godaansi isaa duuniyaa argachuuf yookaan dubartii fuuchuuf ta'e, godaansi isaas gamuma waan itti godaaneeti ta'a". Jecha Bukhaarii tokko keessatti: "hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, hunda namaatiifuu woma niyyate qofaatu isaaf jira".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ummu Salaamaan Ergamaa Rabbiitiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bataskaana Maariyah jedhamtu biyya Habashaa keessatti argite dubbatte, suuraa adda addaa irraa waan ishee keessatti argite itti himte. Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Isaan sun ummata yeroo gabrichi gaariin, yookaan namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayani warri sun Rabbiin biratti irra badoo uumamaati”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Rabbiin gaariidha gaarii males hin qeebalu, Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu’umintootas ajajee jira, Rabbiin ol ta’e akkas jedhe: {Yaa ergamtootaa! Wantoota gaggaarii irraa nyaadhaa hojiiwwan gaggariis hojjadhaa} ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Yaa worra amantan! Gaggaarii waan nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa} eegasii namicha imala dheeressu, kan mataan isaa fajaajaa, kan quttaa'e, kan harka isaa gara samiitti diriirsuun: Yaa Rabii, Yaa Rabbi jedhu, kan nyaanni isaa haraamaa, dhugaatiin isaas haraamaa, uffannaan isaas haraamaa, kan haraamaan guddate dubbachuun, akkamumatti kadhannaan isaaf owwaatama?». jedhani.
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Fakkeenyi mu'umintootaa wal jaallachuu, rahmata waliif gochuu fi garaa waliif laafuu isaanii keessatti akka qaama tokkooti, humni tokko isa irraa yoo dhibame qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydaa'uudhaan isaan waliin dhibama".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan