Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

32 of 559 cards

Clear filters
«Rabbiin ol ta'e worra jannataatiin ni jedha: yaa worra jannataa? Rabbii keenya siif owwaanne si gammachiifne jedhu, Rabbiinis ni jedha: jaallatanii? isaanis ni jedhu: akkamitti jaallachuu dhabna atoo waan uumama kee tokkof hin kennine dhugaatti nuuf kennitee hoo? Rabbiinis ni jedha: ani waan sana caalun isinif keenna, isaanis ni jedhani: yaa Rabbi, maaltu sana caala? Rabbiinis ni jedha: jaalala koon isinitti uffisa booda isaatii yoomuu isinitti hin dallanu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Waa afur namni isa keessatti argame munaafiqa qulqulluu ta'e, isaan keessaa wanti tokko namni isa keessatti argame hanga isa dhiisutti gosti munaafiqummaa tokko isa keessatti ta'e: yeroo dubbatetti ni kijiba,yeroo irbuu seenetti ni gana, yeroo beellametti ni diiga, yeroo falmetti daangaa darba».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namtichi tokko qiyaamaa irraa akkas jechuun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-qiyaamaan yoomi? nabiyyiinis ni jedhani: «maal qopheessiteef». homaa jedhe, haa ta'u malee ani Rabbii fi ergamaa isaan jaalladha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, ergamaanis akkas jedhani: «ati nama jaallattee woliini». anasis akka jedhe: akka jecha nabiyyii -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «ati nama jaallattee woliini» jedhuun gammannetti woma tokkoon gammannee hin beeknu, anas eegasii akkas jedhe: anis nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- abuu bakirii fi umar nan jaalladha, jaalalan isaan jaalladheen isaan woliin ta'uu hawwa, yoon hojiiwwan akka isaanii hojjachuu dhabellee.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Muslimni lama (wol ajjeesuuf jecha) seyfii isaaniitiin yoo wal qunnaman, kan ajjeeses kan ajjeefames ibidd keessatti ta'an" nan jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii: inni kun isa ajjeese, kan ajjeefame immoo maaliifi? ni jedhan: "dhugumatti innis saahiba isaa ajjeesuuf bololaadha ture".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Ibiddi fedhiiwwaniin haguugamte, jannanni immoo waan jibbamaan haguugamte".
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
''Jannanni gara tokkoo kessaniitti Haada kophee keessanii irra dhihaatti, ibiddis akkasuma''.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
«Tokkoon keessan hin amanu hanga ani abbaa isaa, ilma isaa fi namoota hunda irra isa biratti irra jaallatamaa ta'utti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
''Namni waan hidhii isaa lameen gidduu jiruu (Arraba) fi waan luka isaa lameen gidduu jiru (Qaama saalaa) of naaf qabe jannatan isaaf of qaba''.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase