Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

73 of 559 cards

Clear filters
“Masjiida kiyya kana keessatti salaanni tokko Masjiida biraa irra mindaa salaata kuma tokkootin caala, Al-Masjiidal Haraam malee".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni yeroo azaana dhagahu akkas jedhe: "Yaa Rabbii, Gooftaa waamicha guutuu fi salaata yeroo hunda raawwatamu kanaa, Muhammadiif eddoo guddaa fi sadarkaa kenniif, gara eddoo faarfamaa isa ati waadaa galteettis isa ol kaasi" shafaa'aan koo guyyaa qiyaamaa isaaf raggaate».
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
«Yeroo sujuuda gootu harka keessoo (ganaa) kee lamaan lafa kaa'ii, ciqilee kee lamaan lafa irraa ol kaasi».
Sahiiha Muslimtu gabaase
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nurratti gadi bahanii jennaan akkana jenneen: Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti akka nagaa sirratti buufnu barree jirra, mee akkamitti rahmata sirratti buufna? isaanis akkas jedhan: "Akkana jedhaa: Yaa Rabbi Muhammadii fi maatii Muhammad irratti rahmta buusi, akkuma maatii Ibraahim irratti rahmata buuftetti, dhugumatti Ati Faarfamaa, guddaadha, yaa Rabbii Muhammadii fi maatii Muhammad irratti barakaa buusi, akkuma maatii Ibraahim irratti barakaa buuftetti, dhugumatti Ati faarfamaa, guddaadha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni salaata zuhrii duraa fi boodatti rak’aa afur salaatuu irratti tikfate Rabbiin ibidda irratti isa haraama taasiseera».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sujuuda lameen gidduutti akkana jedhu ture: «Allaahummaghfir lii, warhamnii, wa Aafinii, wahdinii, warzuqnii».
Hasani ragaalee isaatiin Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
osoo nuti nabiyyii waliin masjiida keessa teenyee jirruu -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namichi wohii gaala irra taa'ee ol seenee, masjiida keessatti eega jilbeenfachiisee booda isa hidhuun, eegasii isin keessaa eenyu Muhammad? jechuun isaan gaafate, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan gidduutti hirkatanii jiru, nutis namticha adii hirkatee jiru kana jenneen. namtichis: yaa ilma Abdul muxxalib jechuun isaan waame, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «dhugumatti siif owwaadheen jira» jedhaniin. namtichis nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedheen: ani gaaffiin si gaafachuuf deema gaaffii sana keessattis immoo sittan jabeessa, keessoo keetti homaa natti hin qabattuu mitii? isaanis « eeyyeen waan barbaadde na gaafadhu» jedhaniin, namtichis ni jedheen: Rabbii keetii fi Rabbii worra siin duraa ta'eenan si gaafadha, Rabbumatu gara ilma namaa hundatti si ergee? isaanis «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas namtichi ni jedheen: Rabbiinan si gaafadha, Rabbumatu halkanii fi guyyaa keessatti salaata shan akka salaannu si ajajee? isaanis «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas namtichi itti fufuun akkas jedheen: Rabbiinan si gaafadha, woggaa keessatti baatii kana akka soomannu Rabbumatu si ajajee? isaani «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. ammas itti fufuun akkas jedheen: Rabbiinan si gaafadha, Rabbumatu qabeenya kana dureessa keenya irraa fuutee rakkataa keenyatti akka qooddu si ajajee? nabiyyiinis -Rabiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «eeyyeen Rabbiin natti haa ta'u» jedhaniin. namtichis yeruma kana akkas jedheen: waan ati qabattee dhuftetti amaneen jira, ani immoo ergamaa hawaasa koo ana boodaan jiranuuti, ani obboleessa worra banii sa'ad bin Bakir kan ta'e Dimaam bin sa'alabaan jedhama.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhanii kadhataa turan: "Yaa Rabbi! azaaba qabrii, gidira ibiddaa, rakkina jireenyaa, rakkina du’aati fi qormaata masiih addajjaal irraahiin sitti maganfadha”. jecha biroo kan Muslim keessatti: "Tokkoon keessan tashahhuda yeroo xumuretti (tashahhuda xumuree osoo salaamtaa hin jenne jechuudha) waan afur irraa Rabbitti haa maganfatu: Adabbii Jahannam, adabbii qabrii, rakkina jireenyaa, rakkina du'aati fi qorumsa masiih addajjaal irraa".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan