Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

43 of 559 cards

Clear filters
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo lama lama wuduu’a godhatan.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
«Isin keessaa namni tokko wuduu'a isaa yoo raawwatee kophee isaa lamaan godhate, itti haa salaatu, isaan irraas haa haxaa’u, eegasii yoo barbaade janaabaaf malee ofirraa hin baasin».
Sahiiha Daaraquxniitu gabaase
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- halkan yeroo ka'an rigaan afaan isaanii rigatu turani.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
"Rifeensa affarroo (hidhii gubbaa) gabaabsaa, Areeda dhiisaa".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Amrii bin Abii Hasanitti nan dhufe haala inni wuduu’a Nabiyyii irraa -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Abdullaah bin Zeydii gaafatuun, dabbaa bishaanii tokko waammateeti, wuduu'a akka Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- godhatee isaan agarsiise, dabbaa sana irraa bishaan harka isaa irratti dhangalaasee, harka isaa lameen yeroo sadii dhiqe, eegasii harka isaa dabbicha keessa galchee, bishaan hammaarrii sadii hammaarrachuun afaan lulluuqqatee funyaan keessa bishaan ol galchee baase, eegasii bishaan fudhachuun fuula isaa yeroo sadii dhiqate, eegasii harka isaa lameen ciqileen waliin yeroo lama dhiqate, eegasii bishaan fudhachuun mataa isaa harka isaa lameenin qabee gara fuul duraa irraa gara duubatti oofee eegasii gara fuul duratti as deebisuun yeroo tokko qofa haxaa'e, eegasii miila isaa lameen koomee waliin dhiqate.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhimma wahiitif na ergan, ani janaabayee bishaan argachuu hin dandeenye, kanaaf jecha akka beyladaan gangalatutti biyyee keessa gangaladhe, eegasii Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee sana itti himee, isaanis ni jedhan: "Harka kee lameenin akkana jechuutu siif gaya ture" eegasii yeroo tokko harka isaanii lameenin lafa rukutanii, eegasii harka bitaatin harka mirgaa irra haxaa’an, akkasumas gubbaa shanacha harka isaanii lameeni fi fuula isaanii haxaa'an.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ani istihaadaa (dhiiga dhukkubaa) qaba, isa irraa hin qulqullaa'u, kanaafuu Salaata dhiisuun naa ni eeyyamamaa? isaanis akkana jedhan: “Lakkii, sun hidda, garuu guyyoota hanga dhiigni ji'aa ishee keessatti sitti dhufuu sana salaata dhiisii, eegasii dhiqadhuu salaati".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Namichi tokko Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhee gaafate: Yaa Ergamaa Rabbii, nuti galaana bahraa irra deemna, bishaan xiqqoo of harkatti qabanna, yoo ittiin wuduu’a raawwanne ni dheebonna, bishaan galaanatiin wuduu’a godhachuu ni dandeenyaa? Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Bishaan isaa qulqulluudha, du'aan isaas halaala».
Sahiiha Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan