Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

29 of 559 cards

Clear filters
«Sheyxaanni osoo inni rafu booda mataa isaa irratti hidhata sadii hidha. Halkan dheera qabdaa rafi jechuun hidhaa hunda irratti rukuta. Yoo inni dammaqee Rabbiin zakkare hidhaan tokko ni hiikama. Yoo wuduu’a raawwate hidhaan biraa ni hiikama. Yoo salaate hidhaan tokko ni hiikama, nama gaarii mirqaana qabu ta'ee isaaf bari'a, akkas ta’uu baannaan nama hamaa dadhabaa ta'ee isaaf bari'a».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
“Rabbiin salaata tokkoo keessanii hin qeebalu, yeroo inni wuduu’a cabse hanga wadda'atuutti".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- salaata hunda irratti wuduu’a godhachaa turan, nan jedheen: Isin hoo akkam godhaa turtan? ni jedhe: Hanga wuduu'a hin balleesinetti tokkoo keenyaaf wuduu'uma tokkootu gaha.
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
“Uumamni waa shani, isaanis: Kittaannaa, rifeensa qaama saalaa maddii haaddachuu, rifeensa affarroo muruu, kottee gabaabsuu fi rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Yeroo mana fincaanii dhuftan Qiblaatti fuulaan gara hin galinaa, duubanis gara itti hin galinaa, garuu gara bahatti ykn gara dhihaatti gara galaa» Abuu Ayyuub akkana jedhe: shaam dhufnee mana fincaanii gara Qiblaatti garagalfmee kan ijaarame ta'uu argine, irraa garagallee fayyadamnee, Rabbii ol ta'e dhiifama gaafanna.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Tokkoon keessan osoo fincaa'aa jiruu qaama saalaa isaa harka mirgaatiin hin qabatin, harka isaa mirgaatiin qaama saalaa isaa hin haxaa’in, meeshaa dhugaatii keessattis hafuura hin baafatin».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaanii seenan akkana jedhu ture: “Yaa Rabbi ani sheyxaana dhiirotaati fi sheyxaana dubartootaa irraan sitti majanfadha".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«‌Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan