Skip to content

"Nama tokkoof halkan sadi'ii ol obboleessa isaatiin ooduun hin eeyyamamuuf, yeroo wol araganutti kunis irraa garagala sunis irraa garagala, irra caalaan isaanii isa salaamataan eegalu".

Abuu Ayyuub Al-ansaarii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

"Nama tokkoof halkan sadi'ii ol obboleessa isaatiin ooduun hin eeyyamamuuf, yeroo wol araganutti kunis irraa garagala sunis irraa garagala, irra caalaan isaanii isa salaamataan eegalu".

«لَا يَحِلُّ لِرَجُلٍ أَنْ يَهْجُرَ أَخَاهُ فَوْقَ ثَلَاثِ لَيَالٍ، يَلْتَقِيَانِ، فَيُعْرِضُ هَذَا وَيُعْرِضُ هَذَا، وَخَيْرُهُمَا الَّذِي يَبْدَأُ بِالسَّلَامِ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslimni obboleessa isaa muslimaatiin halkan sadi'ii ol ooduu dhoorgani, isaan lameenuu yeroo wol arganutti wol irratti salaamataa hin jedhanu, akkasumas wolis hin haasofsiisanu. Caalaan worra wol lolan lameen kanaa nama ooda dhabamsiisuuf yaali godhuu fi salaamataan eegaluudha, oodni asitti itti fedhame fedhii lubbuutiif jecha woliin ooduudha, haqa Rabbiitiif jecha ooduun immoo akka worra badii hojjatanuu fi worra baasaatiin ooduufaa, akkasumas waahila badaadhaan ooduu faa, kun yeroon hin daangeffamu, inni bu'aa oodaatti rarraafama, inni dhabamuun dhabama.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Guyyaa sadii fi waan isaa gadii keessatti oodni eeyyamamaa ta'uudha, innis uumama ilmi namaa irratti uumame eeguuf jecha, guyyaa sadii keessatti oodni kan eeyyamameef haalli uumamaa sun akka deemuuf jecha.

Sadarkaa salaamataan qabuudha, inni waan lubbuu keessaa ni haqa, akkasumas inni mallattoo jaalalaati.

Islaamummaan miseesnsa isaa gidduutti obbolummaa fi tokkummaaddhaaf bololuu isaati.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (8/ 21) (6077).

Sahiiha Muslim (4/ 1984) (2560).

Dabalata (6)

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (10/ 111).

فتح ذي الجلال والإكرام بشرح بلوغ المرام.

لابن عثيمين (6/ 293).

توضيح الأحكام من بلوغ المرام.

للبسام (7/ 339).